Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Abdatamee Ture Roobni Hagayyaa Hin Argamiin jira


Godina Boranaa keessatti caamni uumame amma iyyuu roobni dhabamuu isaan daran hammaataa jira.caama waggaa lamaaf ture irraa kan ka'e horsisee bulaa fi kanneen hanga tokko qotatanii jiraatan aanaa Tuqaa keessatti rakkoo hamaaf saaxilamanii jiru.

Gargaarsi kennamuuf kan yeroo isaa hin eegne darbee darbee ta'uu kan dubbatan jiraatonni qoraan funaananii akkasumas bishaan waraabanii gurguruun kan jiraatan ta'uu ibsan.

Tokkummaan Mootummotaa akka jedhutti baatii Bitooteessa darbe yeroo lammataaf roobni waan dhibeef jecha loon nuusa miliyoonaa ykn afur keessaa harki tokko dhumaniiru.Godina Boranaa keessatti itti gafatamaa waajiira misooma horsisee bulaa kan ta'an Obbo Liiban Areeroo akka ibsantti kan silaa ho'a keessa jiraachu danda'an gaallii fi reettiin dhumaniiru.

Yeroo ammaa uummanni gargaarsa argataa jiru kuma dhibba lamaafi kuma torbaatamii torbaa fi dhibba lamaa fi saddettamii lama ta'uu Obbo Liiban ibsanii jiran.Daangaa Itiyoophiyaa ce'ee keniyaa keessattis caamaa fi beela hamtuutu jira. Kan baatii Fuulbaana keessa abdatamee ture roobni Hagayyaas hin argamin hafe.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG