Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Ministara Dhimma Alaa Ertiraatiin Hoogganamu Jilli Biyyatti Marii Nageenyaaf Finfinnee Seene


ethio-eritrea
ethio-eritrea

Waggoota digdaman dabraniif, Itiyoophiyaa keessatti kan hin argafmiin – Jilli mootummaa Ertiraa har’a ennaa Finfinnee seenetti, kan muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Dr. Abiyyiin hoogganame simannaa how’aa tu dirree xayyaaraatti godhameef. Achi irraa ennaa gara masaraa mootummaa Itiyoophiyaatti qajeelanis, karaa Boolee gamaa gamana irraa halaabaa Itiyoophiyaa tu balbalaa ture. Ministara dhimma-alaa Ertiraa – Usmaan Saaleh fi gorsaa prezidaant ol’aanaa prezidaantii Ertiraa – Obbo Yemaanee Gebre-aab kan keessatti argaman – jilli Ertiraa har’a Finfinnee seene kun, Muummicha-ministaraa Abiyyi Ahimediin simatamanii ennaa nagaa wal-gaafatan, akka namoonni achi turan jedhanitti dhala fagaatee deebi’eef simannaa godhamuu kan fakkaatu, kan dabre kan irraanfate, abdii boruutti ka fuuleffate, fuula ifaa fi kabajaan kan guutama, simannaa nageenya egereef abdii guddaa kennu ture.

Gama Itiyoophiyaa irraas, ministaroonni, abboonni amantii, atileetonni badhaafamtoonni medaaliyaa warqee, artistoonni beekamoo fi ka biroon sirna simannaa kana irratti argamanii jiru, jedha - gabaasaan keenya achitti argame. Masaraa mootummaa keessatti, kabajaa jila Ertiraa kanaaf, afeerraan hirbaataa ka godhameef tahuus ibsee jira. Amantiilee Itiyoophiyaa ijoo tahan kan of keessaa qabu – Gumiin dhaabbatoota amantii Itiyoophiyaa, deemsa araara kanaatti hirmaate – qooda isaa gumaachuuf gaaffii dhiheessuu isaa beeksisee jira.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

Kan Ministara Dhimma Alaa Ertiraatiin Hoogganamu Jilli Biyyatti Marii Nageenyaaf Finfinnee Seene
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:36 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG