Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Sodaatanis Du'a Kan Namaa Hin Oolles du’a


Baqattummaan dhumi isaa gaarii ykn hamaa ta’uu mala.Yeroo jalqaban garuu dhuma kana beekuun rakkisaa dha. Rakkoon baqatoota biyyoota gaanfa Afrikaa kannen Yemen keessaa daran hammaataa akka jiru sabaa himaaleen adda addaa gabaasaa jiran.



Waggaa 13 Yemen keessa baqatummaan kan turan Obbo Ibraahiim Umar Abduulqaadir yeroo ammaa, kanneen karaa jaarmayaa baqatootaa UNHCR carraa Yunaaytid Isteets keessa qubachuu argatan keessaa tokko.

Haalli baqatoota Yemen keessaa keessumaa waggootii dhiyeenya kanaa jechuun 2009 fi 2010 keessa daran hammaatuu dubbatan. Dubartoota humnaan gudeeduu, haadha manummaaf dabarsanii gurguruu, hojii sagaagalummaa irratti bobbaasanii maallaqa argamuun bulchitoonni isaanii fayyadamuun rakkoolee kana keessaa haga tokko tahuu ibsan. "Dhiiroota illee hojii humnaatti bobbaasanii mallaqa aragamuun bulchitoota isaanii tu fayyadamma, baqataan tola tajaajilee gala" jedhan.

Baqataan rakko irra ga’e irra kan ka’e du’uu, reeffa isaa bineensii nyaatuu, ciccitaan qaama namaa funaananii awwaaluun, wanna guyyaa guyyaatti mul'atu jedhan Obbo Ibraahim.

Gama biraan, Saudii Arabiyaa keessa kan turan lammiwwan Itiyoophiyaa dhiyeenya kana gara daangaa Yemenitti geessamanii gatamuu isaanii, gaabaasnee turre.

Kanneen hasoofsisuuf carraa argannee keessaa,waggaa 12f Saawudii keessa kan turtee Raabiyaa Nuuruu Sa'iid,daangaa itti gatamtee keessaa baatee Sana’aa eega geesse booda haalli fayyaa ishee daran yaadchisaa tahuu isaa irraa gara biyyatti eega ergamtee booda du’an boqotte.

Baqatummaa dhumii isaa gaarii fi hamaa ta’e ilaalchisnee kan dhiyessine MP3 tuquun dhaggeefadhaa



Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG