Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Barnootaaf Tigraay Keessatti Ramadaman Nuu Baasaa: Maatii


Kanneen Barnootaaf Tigraay Keessatti Ramadaman Nuu Baasaa: Maatii
Kanneen Barnootaaf Tigraay Keessatti Ramadaman Nuu Baasaa: Maatii

Tokkummaan mootummootaa barattonni yunivarsitiwwan Tigraay keessaatti ramadamanii turan akka maatii isaanti deebi’aniif waan irraa eegamuu hin hojjannee jechuun warraa fi maatiin barattootaa dubbatanii jiru.

Waajiira Tokkummaa Mootummootaa isa Finfinnee keessaatti haallii har’a ture miiraan kan guutamee yoo ta’u, warraa fi maatiin barattootaa bakka bu’oota Tokkummaa mootummootaa biraa deebii barbaadu turan.

Maatiin tokko RSA akka ibsanti Tokkummaan mootummootaa barattoota kana gara maatiitti deebisuuf haal duree tokko malee, waan barbaachiisu guutuutu irra ture.Maatiin hangii tokko moo Tokkummaan Mootummootaa barattonni kun akka achii ba;an gochuuf, akka mootummaan Itiyoophiyaa Tigraay keessatti tajaajiila qunnamtii fi Eleektrikaa itti fufuu barbaadu.

Deebii kanaa argachuuf jecha Itiyoophiyaatti bakka bu’aa Tokkummaa mootummootaa dhaqqabuuf yaaliin taasiifnee hin milkoofne, Bakka bu’oota maatiwwan barattootaafis deebii kennuuf hin argannee jechuun Keneedii Abaatee gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG