Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Hokkara Kakaasuuf Qophitti jiru Jedhaman Shakkiin Hidhamanii Jiru;Polisii Finfinnee


Namoota 325 kanneen TPLF deggeruun jeeqama kakaasuuf qophiitti turan jechuun shakkee to’annaa jala oolchuu isaa Komishiniin polisiin Finfinnee beeksisee jira.Dhimma kana waliin walmqabatee dhuma torban dabree ibsa kan kennan Komishinara Geetuu Argaaw Hiwaatiin deggeruun kanneen shakkaman kun manaa fi dhaabattonni daldalaa qaban sakata’amanii meeshaaleen waraanaa adda addaa qabamuu ibsuun,amma iyyu hojiin sakata’iinsaa itti fufuu isaa garu, tarkaanfii polisiin fudhatee yakka hojjataniif malee gosummaan miti jedhan.

Komishiniin mirga dhala namaa dhalattoota Tigraay kanneen seeraan ala hidhaman jedhee kanaa Hiwhaat waliin hidhata qabu yoo ta’e akkasumas lakoobsa isaanii qorachuuf hojjataa kan jiru ta’u gorsaan dhimmootii komunikeeshiinii kan Komishinichaa fi dubbii himaa kan ta’an Aroon RSAf ibsuun isaanii ni yaadtama.RSA dhimmi kana irratti polisii biraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin godhe hin milkoofnee .

Kana malees haleellaa haaloo ba’iinsaa hedduu kan ajjeechaa fi butiinsa daabalatee Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) namoota Tigraay keessatti na mormuu jedhe irratti gaggeessaa jira gabaasaaleen jedhanis kan isa dhaqqaban ta’u komishiinichi beeksisee ture jechuun Keneedii AbaateFinfinnee irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG