Bulchootii Biriitish hin taaneef malee eegii biyya isaanii tana Waldaa Awurooppaa keessaa baasuuf itti gamaniiya miila dhaabatan.
Tereshaa Meey,muummeen minstera isaaniilleen tahuu dinnaan hujii irraa buute.
Boris Johnson,muummeen ministera Biritishilleen biyya isaa Waldaa Awurooppaa miseensa 28 qabu keessaa baasuuf kakatee ka’e taatullee hin taaneef.
Mootummaan kun ammallee fala haaraa dhahachuuf doolara biliyoona 2 fi miliyoona 400 baase.
Birith qaraayyuu biyya isii waldaa Awurooppaa keessaa bafachuuf dooalra biliyoona 10 baafte.
Muummeen minsitera kun silaa Onkololessa 31tti Biritsh waldaa Awurooppaa keessaa hin baafne irratti didan.
Akka Jonson jedhetti falamaan Biritish Waldaa Awurooppaa keessaa bahuu dhoortu jireenna biyya isaaniituu dhidhiam buufti.