Yunaayitid Iseetis ejjannoo Waraana adduunyaa irra qabduu irraa deebitee ilaaluu qabdii jechuudhaan yaadiin Doonaalid Traamp dhiheesaa jiran, yaadaa boodatti deebi’uu akka hin taane, Erga aangoo qabatanii as yeroo jalqabaatiif gara biyyaa alaatti kan imalan ministrrii ittisaa mootumma US Peet Heegseet beeksisaniiru.
Peet Heegseet, Kixata kaleesaa biyya Jarman magaala Stuutgaarti bakka ajajini waraana US dame Auroopa fi ajajin Afrikaa argamutti ibsa oduu gabaastotaaf kennaniin, mootummaan isaanii garee IS isaa Somaaliyaa fi bakkaawan biraa keessa socho’aa jiru irraatti tarkaanfii fudhachuudhaaf akka boodatti hin deebine mirkaneesaniiru.
Waraanni US ajajjin dame Afrikaa inni AFRICOM jedhamee beekamu kibxata Achi aanu akka beeksisetti nama garee IS isaa gaanfa Afrikaa keessa maandhefatee jiruuf karoora baasu Ahimed Ma’eleninine fi hidhatoota garichaa 13 haleellaa Guraandhala 2 bara 2025 raawwateen ajeesuu isaa akka beeksise ni yaadatama.
Forum