Keniiyaatti Ministirri biyya keessaa Ibsa Kamisa har’aa baaseen Biyyattii keessatti Robaa cimaa ji’a Bitooteessaa darberraa kaasee Roobaa jiruun balaa lolaa umaamee jiruun hanga ammaatti lakkoofsi namoota du’anii 188 irra ga’eera jedhee ammayyuu kanneen badanii barbaadamaa jiran jirus jedheera. Namoota 125 irra miidhaan qaqqabeera kan jedhe ministirichi kanneen baay’inni isaanii 90 ta’animmoo achi buuteen isaanii dhabamee barbaadamaa jiru jedhee namoonni 165,000 immoo qe’ee isaaniirraa buqqa’aniirus jedheera. Roobii kaleessaas rooba roobeen lagni Talek guutee bishaan irra garagaluu isaan Tuuristoota lakkoofsi isaanii 100 ta’an Maasayii Mara keessatti Loojiiwwanii fi bakka turtii isaanii keessatti balaa isaan mudateen hojjeettoonni baraarsitootaa tattafii taasisaniin namoota 90 nagaan baasuu danda’aniiru.
Bulchaan Kaawuntii Narook lixaa Isteefen Nakolaa Ajaansi Firaansi Pireesitti akka himanitti riqichhoonni naannoo Sanaa balaa lolaa kanaan fudhatamuu ibsanii naannichi dhaqqabamaa akka hin jirres himaniiru. Bakkichi bakka Turiistoonni daawwatan yommuu ta’u namoonni 500 ta’anis hojii malee taa’aniirus jedhaniiru.
Rooba cimaa biyyoota Afiriikaa bahaa roobaa jiruun balaan lolaa hamaa mudachuu, sigigni lafaa uumaamuun namoonni qe’ee isaaniirraa akka buqqa’an dirqisiisuu , riqichoonni diigamuu, daandiiwwan manca’uu fi bu’uuraaleen misoomaa hedduun manca’uuf sababa ta’eera.
Wiixata dabarsine kana Mayii mahuu Kabaa Naayiroobiirraa Kiloometira 60 fagaattee kan argamtu keessatti balaa lolaa mudateen hidhaan bishaanii gutee bishaan irra garagaluu hordofee namoonni hedduun du’aniiru., Ministirri biyya keessaammoo Reeffi namoota 52 baafamuu himee namoonni 51 immoo dhabamuun ammayyuu barbaadamaa jiru jedheera.
Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo Kibxata dabarsine namoota naannoo Lbalaan lolaa dhaqqabe keessa jiran hunda akka baasaniif humna waraanaaf ajaja kennuun garisitti akka erganiiran ibsaniiru.
Hooggaanaa Olaanaan dhaabbata mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereezh karaa dubbii himaa isanii Isteefeen Dujariik rooba cimaa biyyoota Afiriikaa bahaa Keeniyaa, Burundii, Somaaliyaa fi Taanzaaniyaa akkasumas bakkoota birrootti balaa lolaa bishaaniin lubbuu namoota darbeef gaddi guddaan itti dhaga’ameera jedhaniiru.
Forum