Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Ambaasaaddara Ishee Somaaliyaa Jiru Achii Waammattee Kan Somalaiyaa Ammo Ufi Irraa Ariite


Somaaliyaatti ambaasaaddara keeniyaa Lt-Gen (Rtd) Lucas Tumbo
Somaaliyaatti ambaasaaddara keeniyaa Lt-Gen (Rtd) Lucas Tumbo

Eega Keeniyaan Ambaasaddara ishee Somaaliyaa, magaalaa Moqdishoo jiran gara biyyaattii waamtee fi akka Ambaasaddarri Somaaliyaa magaalaa Naayiroobii gad-lakkisanii bahan ajaja kennitee booda, mootummaan Somaaliyaa wal-muddinsa siyaasaa biyyoota lameen gidduutti uumame tasagabbeessuuf yaalaa jira.

Biyyoonni lameen, waa’ee daangaa isaanii galaana irraa irratti wal-dhibdee keessa seenan. Daangaan tuujii Hindii irraa biyyoota lameen gidduutti wal-dhibdee uume kun Kiiloomeetira-kaaree kuma dhibba tokkotti ka tilmaamamu yoo tahu, lafa handaara isaa jiru keessa immoo dhukuta zayita boba’aa fi Gaazii uumamaa guddaa tu jira, jedhama.

Mootummaan Somaaliyaa ibsa kaleessa galgala baaseen akka jedhetti, mirga barbaacha gaazii uumamaa ka naannoo wal-falmsiisaa sanaa akka dabarsitee hin gurguriin beeksiste. Kana malees, haga dhimmi daangaa naannoo sanaa mana-murtii sadarkaa Addunyaa “The Hague” jiruun murtii argatutti, sochii kamillee akka naannoo sanatti hin goone hubachiise – mootummaan Somaaliyaa.

Sanbata dabnre kana Keeniyaan, “Somaaliyaan haala gaddisiisaadhaan, mirga barbaacha gaazii uumamaa daangaa Keeniyaa keessaa gurguraftte,” jechuudhyaan, akka Ambaasaddarri ishee Moqdishoo jiran gara biyyaatti waammatte. Ambaasaddara Somaaliyaa Naayiroobii jiran – Mohammed Ahimed Nuur akka gara biyya isaaniitti deebi’anis ajaja kennite.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG