Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Boba’aa Gabaa Addunyaaf Erguu Jalqabuu Labsite


Keenyaan Dhukuta Boba'aa Gabaa Addunyaaf Erguu Eegalte
Keenyaan Dhukuta Boba'aa Gabaa Addunyaaf Erguu Eegalte

Keeniyaan boba’a gabaa addunyaaf dhiyeessuu jalqabuushee beeksiste. Prezidentiin Keeniyaa harra Doonii Keeniyaa omisha boba’aa biyyattii gabaaf geessituuf gaggeessa taasisaniiru; Galmoo Daawit.Keeniyaan harraa kaastee gaba addunyaaf boba’aa dhiyeessiti jedhan Pirezidentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa. Doonii boba’a keeniyaan omishte feetee gabaa addunyaaf gara Ardii Eeshiyaatti imalte yoo gaggeessan harra Keeniyattaan ‘guyyaan kun guyyaa guddaadha’ jedhan.

Kabajamtoota saba as jirtan, harra Keeniyaan biyya boba’aa gabaa addunyaaf ergitu ta’uu isheen isiniif mirkaneessuun barbaada. Boba’a fe’ame kana yayyaba jalqabsiisuun Keeniyaafis, naannoo keenya kanaafis waan addaadha, Lammilee Keeniyaaf ammoo jalqabbii badhaadhinaati. Boqonnaan badhaadhinaa amma jalqabe kun sirriitti itti fufuudha qaba; kana raawwachiisuufis mootummaan kutannoo guddaan hojjeta. Kana malees carraan dhaloota dhufuu akka hin badnetti mootummaan ammas qabeenyi uumama biyyattii sirnaan akka lammii hunda qixa gahutti hojjetaa jedhan yoo dubbatan.

Keeniyaan boba’a barbaacha ka jalqabde bara 1937 tti yoo tahu, turtii ganna 75 booda bara 2012 Kaaba biyyattii kutaa Bulchiinsa Turkaanaatti boba’aan argamuun mirkanaa’e. Boba’aa kana ka soqee baasaa jiru Kubbaaniyaa Aayirlaandi Tuullow Ooyl yoo tahu omisha boba’aa boqonnaa jalqabaa barmeela kuma 200 keeniyaan omishtes Kaampaniin mootummaa Chaaynaa Keemchaaynaan doolaara miiliyoona 12’n biteera. Keeniyattaanis harra doonii boba’a kana feetee jirtu Mombaasaa gara Maalezyiyaatti erganii jiru.

Gabaasa guutu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:08 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG