Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Humna Poolisii Haaraawa Leenjisuufi


Waraana Keeniyaa yadannoo waahiloota isaani Somaaliyaatti wareegamani irratti arggame, Amajji 2016
Waraana Keeniyaa yadannoo waahiloota isaani Somaaliyaatti wareegamani irratti arggame, Amajji 2016

Pirezedaantiin Keeniyaa humni poolisii biyyattii haarawaan kumni kudhan haaraan lafaa akka filaman ajaja dabarsani. Uhuuruun kana ka dubbatan kaleessa Naayiroobii Imbakaasiitti yeroo humnoota poolisii biyyattii haarawa 1900 ol ebbisiisaniidha.

Keeniyaan garee warra shororkeessitootaa ka ta’e Alshaabaabiin haleellaa hedduun lammilee biyyattiirratti ka dhaqqabu yoo ta’u, pirezident Keeniyaattaan dubbii isaanii kaleessaatiinis Keeniyaa gocha Aalshabaabii fi kaan irra ishee eeguudhaaf lakkoofsa humna poolisii biyyattii olkaasuun murteessaa ta’uu dubbatanii jirani.

Rakkoo dhimma nageenyaa Keeniyaan qabdu ilaalchisuudhaan pirezidentiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa humnootni poolisii haarawaa 10,000 akka dafanii filamanii leenjii jalqaban ajaja dabarsani.

Kaleessa waaree booddee Naayiroobii buufata leenjii poolisoota Keeniyaa Imbaakaasiitti poolisoota haaraa 1976 yoo eebbisiisan dubbii dubbataniin Keenyaattaan, keessumaa rakkoo nageenyaa biyyattiin qabdu furuuf jecha qaama hoji raawwachiiftuu biyyattii ka ta’an poolisoota biyyattii lakkoofsa isaanii olkaasuu barbaachisaa ta’uu dubbatu. Poolisoonni eebbifaman 1976 waggaa dabre kaasanii leenjiirra ka turan yoo ta’an waggaa dhufu ji’a gurraandhalaattis poolisoota biroo kum-kudhan eebbisiisnee hojiif bobbaasuu akka dandeenyuuf leenjifamtoonni haaraan kum-kudhan dafanii akka filamann ajaja dabarseera jedhu pirezident Keenyaattaan.

Kana maleesimmoo biyyattiin waggaa dhufu filannoo biyyaalessaaf filattoota galmeessaa ka jirtu yoo taatu, poolisoonni filamuuf jedhaman kum-kurneen kunis filannoon kuni utuu hin jalqabin akka hojiif gahan himameera.

Qaamolee tajaajila hawaasaa jiraattota biyyattiif kennan keessaa humni poolisii biyyattii keessumaa karaa malaammaltummaa rakkoo akka qabu lammileen biyyattii hedduun yoo dubbatan, kana maleesimmoo dhaabbileen biyyattii mirgoota namummaaf dhaabbatan hedduun poolisiin Keeniyaa lammilee biyyattii irratti alii al gocha gara jabdummaa fi seeraan ala ta’e fudhataa jechuun himannaa hedduu dhiyeessu. Keessumaa saba himaan Aljaazeera Media Network gabaasa isaa waa’ee haala qabiinsa mirga ilma namaa poolisii keeniyaa ilaallatu ka bara 2015 tamsaaseen akka ifoomsettii, poolisoota biyyattii keessa ajjeechaaf ka qacaramanii hojjetan akka jiran saaxiluun isaa ni yaadatama.

Akka gabaasa yeroo saniittis bara 2014 keessa qofaa Magaala guddittii Naayiroobii keessatti lammmileen biyyattii 127 ta’an poolisiidhaan ajjeefamaniiru. Himannaa kanas mootummaan biyyattii yoosuu ka haale yoo ta’uu, humnoota poolisii haarawa hojii jalqabuuf jedhaniinis Keeniyaattaan malaammaltummaa fi gocha badaa kaanirraa of qusattanii akka saba keessan tajaajiltaniif bulchiinsi kiyya waan fedha keessanii isiniif guutuuf ni carraaqa jedhan.

Gabaasaa guuutuu dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:58 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG