Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Migunaa Migunaa Yeroo Lammaffoof Ariite


Kenyan opposition politician Miguna Miguna, who also holds Canadian citizenship and travels on a Canadian passport, reacts after Kenyan immigration authorities denied him entry into the country without a Kenyan visa, at Jomo Kenyatta International Airport
Kenyan opposition politician Miguna Miguna, who also holds Canadian citizenship and travels on a Canadian passport, reacts after Kenyan immigration authorities denied him entry into the country without a Kenyan visa, at Jomo Kenyatta International Airport

Keeniyaan ‘Jenerala sochii mormii biyyaalessaa biyyattii’ ka ofiin jedhan ‘Miguna Migunaa’ biyya isaaniitii yeroo lammaffoof ariite. Manni murtii biyyattii Mr. Miigunaan biyya isaaniitti haa galan jedhee murteessus mootummaan biyyattii garuu seensa dhorkee kaleessa halkan Mr. Migunaa ari’eera. Manni murtee keeniyaas qondaaltota mootummaa biyyattii sadii murtee kabajuu didan jechaan adabbii qarshii keeniyaa kuma dhibba 2 irratti dabarsee jira. Galmoo Daawit gabaasa isaa qopheesseera.

Mootummaan Keeniyaa ‘Jeneraala Sochii Mormii biyyaalessaa’ biyyattii jechuun ka of waaman Miguna migunaa biyyaa ari’e. Mr. Migunaan lammummaa Keeniyaa fi Kaanaada ka qaban yoo ta’an, ji’a lamaan duradha biyya itti dhalatan Keeniyaa keessaa waraqaa eenyummaa biyyaa haaromfame hin qabdan jechuun ka ariyataman.

Yerosis Manni murtii keeniyaa gochi kun seeraan ala jedhus, mootummaan keeniyaa garuu, Mr. Migunaan yeroo keeniyaan labsii waa’ee lammummaa biyya lamaa qabaachuu hin labsin lammii Kaanaadaa waan ta’aniif waraqaan eenyummaa isaanii ammaa fudhatama kan hin qabnee jedhee Mr. Migunaa biyyaa ari’e. Haa ta’uyyuu malee Mr. Migunaan ka ariyamaniif sanaaf utuu hin taanee, yoo dursaaan paartii mormituu Raayilaa Odiingaa ‘an prirezdentii biyyaati’ jechuun of muudan shora isaan taphatan irraa maddee jedhu miseensonni paartii mormituu.

Mr. Migunaan jalaqaba ji’a dabree kana gara kaanaadaatti ka ariyataman yoo ta’u manni murtee keeniyaa garuu waan kana mormee Mr. Migunaan akka biyyatti deebi’an murteesseera. Kana boodas wixata darbe kana gara biyya isaaniitti deebi’uuf yoo jedhan itti gafatamtoonni Immigreeshinii garuu Mr. Migunaa seensa dhorkaniiru.

Immigreeshinni Keeniyaa Mr. Migunaaf eyyama Viisaa ka Tuuristii kennus, Mr. Migunaan garuu mirga kiyya daangessa jechuun didanii eegdotaanillee waldhaban.

Mr. Migunaan kaleessa galgala Xiyyaara gara Dubaayi deemuun Keeniyaa ka bahan yoo tahu, waldhaansoo isaan humnoota nageenya waliin gochaa turaniin dadhabanii dhukkubsatanii jiraachuu abukaatoon isaanii ni dubbatu. Galgala kanas bakka yaalamaa jiran Yuunaaytid Arba Eemireetitti angawoota immigreeshinii’n biyya dhaloota isaanii Keeniyaa malee eessayyuu deemuu akka hin feene akka himan gaazexaan Keeniyaa Daily Nation gabaaseera.

Keeniyaan Migunaa Migunaa Yeroo Lammaffoof Ariite
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:59 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG