Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Shororkeessaota Godinaa Lamuu Keessatti Namoota Jaha Ajjeesan Adamsaa jirti 


Aangawoonni Keeniyaa shakkamtoota shororkeessotaa garee Al-shabaab, kan lafa Somaaliyaa wajjiin wal-daangessu, godinaa Lamuu keessatti har’a ganama namoota ja’a galaafatan, jedhaman qabuuf kan faana dhahaa jiran tahuu dubbatan. Koomishinarri godinaa Lamuu, Irunguu Machaariyaa, “shakkamtoonni hidhattoonni Al-shabaab har’a ganama naannoo Widhuu jedhamutti jiraattota irratti haleellaa geggeessuun ajjeesan,” jedhan. Garuu, haga ammaatti kan itti gaafatama fudhatame hin jiru.

Shakkamoota sana qabuuf bosona keessa sakatta’aa jiran ka dubbatan – Koomishinarichi, tarii uummata keessallee dhokachuu akka malan eeranii, akka uummatni naannoo yakkamtoota sana faana dhahuutti isaan gargaarullee gaafatanii jiran.

“Citizen TV” ka jedhamu Televiiziyoonni Keeniyaa akka gabaasetti, namoota ajjeesaman keessaa – yoo xiqqaate, tokko rasaan haleelame, kaan hableen ajjeesame, kanneen hafan immoo jiraatti gubaman. Jiraattoonni nannoo Widhuu akka jedhanitti, haleeltonni sun manneen hedduullee guban.

Garuu, haleeltonni sun irra-hedduun kanneen hablee baatan waan tahaniif, dhuguma hidhattoota al-shabaab tahuu yokaan kan siyaasaa naannoo sanaatti hidhata qaban tahuu shakkii qaban.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG