Kamisa har’aa waxabajjii 2o bara 2024 magaalota guutuu Keeniyaa keessatti namoonni dhibbootaan lakkaa’aman karoora hanqina bajaataa mudate furuuf daballii gibiraa doolaara biiliyoona 2.7 taasifamee mormuun hiriira gaggeessaniiru.
Daballiin gibiraa kun diinagdee biyyattii akka miidhuu fi jireenya lammiilee Keeniyaa warra durumaanuu qaala’insa jireenyaa waliin wal’aansoo keessa jiranitti gatii dabalaa jechuunidha namoonni hiriira mormii kana taasisan kan sagalee isaanii dhageessisan.
Bulchiinsi Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoo torban darbe keessa mormii kanaan dura tureef deebii kennuuf gibiroota hanga tokko hir’isuuf walii galus amma immoo gibira gatii boba’aa fi ala ergiirratti dabaluuf akka karoorfateeru ifoomseera. Daballii kanas kan taasisu galii guddisuu fi hirkatummaa liqaa alaa hir’isuuf akka ta’es mootummaan Keeniyaa beeksiiseera.
Qeeqxonnis gama isaaniin jijjiiramni kun qaala’insa jireenyaa ammayyuu lammilee Keeniyaaf rakkoo ta’e daran hammeessuu mala jechuun himu.
Forum