Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keenyaan qorsa koronaaf hojjachuutti jiran nama biyya isii irratti ilaaluutti jirti


FILE - Medical staff dressed in protective suits talk to each other as they treat coronavirus disease patients at the COVID-19 ICU of Machakos Level 5 Hospital, in Machakos, Kenya, Oct. 28, 2020.
FILE - Medical staff dressed in protective suits talk to each other as they treat coronavirus disease patients at the COVID-19 ICU of Machakos Level 5 Hospital, in Machakos, Kenya, Oct. 28, 2020.

Qorsa COVID-19 kana dhaabbilee hedduutti hojjachuutti jira.Biritishitti yuniversitii Oksfoord, fi dhaaba dhaaba farmaasii, Astrazenekaa fa. Keenyaan qorsa kana ufi irratti laaluutti jirti.

Biyya hedduutti qorsa hojjachuutti jiran kana adoo biyyatti hin fudhannee waan innii nama tolchu nama irratti ilaalan.Qorsa kana hojjattoota fayyaa Keenyaa 40 irratti laaluutt jiran.

Maqaan qorsa hojjachuutti jiranii ChAdOx1 nCoV-19,biyya hedduutti nama ufii irratti laallachuutti jira.Akka ogeeyyotii fayyaa jedhanitti wannii biyya tokkoo tahaa ta dhibii tahuu hin dandeettu fa.

Dhaabbilee fayyaa heddutti qorsa akkanaa hojjatee nama ufii irratti laaluutti jira. Waan innii nama tolchuu dandahuu fi dhiba kana tolchuu danahu laalan.Nama ganna 18 olii irratti laalan.

Akka dhaabii fayyaa addunyaa WHO-n jedhetti dhabbilee 100 tahanitti qorsa koronaa hojjatanii nama irratti ilaaluutti jira.

Keenyaan amma nama 40 irratti laaluutit jirtii yoo ammo faayidaa irraa argatan nama 360 irratti laalaa deemti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG