Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keetaanjii Jaaksan Koree Seeraa Duratti Har’a Gaaffiif Dhiyaatu 


 Ketaanjii Braawun Jaaksan mana maree duratti, Bitootessa 22, 2022
Ketaanjii Braawun Jaaksan mana maree duratti, Bitootessa 22, 2022

Barcuuma mana murtii mummichaaf kan maqaa dhahaman Ketaanjii Braawun Jaaksan Kibxata har’a koree seeraa kan seeneeta Yunaaytid steetes fuula duratti dhiyaachuun gaaffii fi deebii gaggeessuuf jiru.

Seera tuumtonni kun tokko tokkoon isaanii Jaaksamiif gaaffii dhiyeessuuf daqiiqaa 30 kan qaban yoo ta’u, guyyaa qabameef 4 keessaa kun kan guyyaa lammataa fi ganamaa qabee hanga galgalaa tura jedhamee eegama.

Mana murtii ol iyyannoo Yunaaytid isteetes kan dame waashiingtan Dii Sii(DC) keessaa murteessitu kan ta’an Jaakson, dubartii gurraatti kan jalqabaa, akkasumas gurraachoota barcuuma mana murtii sadarkaa olaanaa Amerikaaf maqaa dhahaman keessaa immo sadaffaa ta’u isaanti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG