Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keevin Makaartii Taayitaarraa Kaasaman


Af-yaa’ii Manna-maree Bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteetis, Keevin Makkartii, Onkoloolessa 3, 2023.
Af-yaa’ii Manna-maree Bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteetis, Keevin Makkartii, Onkoloolessa 3, 2023.

Manni-maree Bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteetis Af-yaa’iisaa, Keevin Makkartii taayitaarraa kaasuun beekamee jira. Manni-maree barcumoota 435 qabu har’a waaree booda sirna sagalee kenninsaa daqiiqaa afurtamii shaniif geggeesseen, barcumni Af-yaa’iisaa banaa akka tahu ka murteesse sagalee 216 deggersa yaadichaa, sagalee mormii immoo 210 kennuudhaan tahuun beekamee jira. Sirna sagalee kenninsaa kana irratti dimookiraatonni miseensonni mana-marichaa af-yaa’ichi akka taayitaa irraa kaasaman yaada dhihaate deggeruudhaan sagalee kennan.

Af-yaa’iin hojiirra jiran tokko haala kanaan paartii ofii isaaniin taayitaarraa ennaa kaasaman seenaa biyyattii keessatti kan har’aa kun isa jalqabaa ti.

Makkaartiin baatiilee saddeet dura taayitaa kana qabachuun isaanii, paarrtii isaanii keessatti sababaa wal-mormiin ka’eef sirni sagalee kenninsaa deddeebi’ee eega geggeessamee booda ture. Taayitaa af-yaa’ii kana qabachuudhaaf, mormitoota isaanii waliin yeroo mari’atanitti dirqamni yeroo sana itti waliigalanii fudhatan har’a taayitaa irraa kaasamuu isaaniitiif hundee ta’uun himamee jira.

Af-yaa’iin Mana-maree itti-aanee dhufu eenyu akka tahuu fi hanga sanatti manni-marichaa eenyuun akka hoogganamu hanga ammaatti waan beekame hin jiru. Af-yaa’ichi akka taayitaa irraa kaasaman kan yaada dhiheessan, bakka-bu’aa uummataa kutaa Filooridaa Maatiz Geetiz turan. Manni-maree Bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteetis akkaataa heera biyyattiitti, prezidaantiin biyyaa yoo akka tasaa dhabaman kan bakka-buusu itti-aanaa prezidaantii yoo tahan, yoo itti-aanichi hin jirre immoo, af-yaa’ii mana-marichaa ti. Haala itti fufanii dhufan hordofnee sin beeksisna. Sagantaa keenya boorii irratti ogeeyyii dubbisnee dhiheessuu yaalla. Nu hordofaa. Yaada keessanis nuuf kennaa.

Forum

XS
SM
MD
LG