Keniyaa Kaaba bahaa nannoo daangaa Somaaliyaa keessa Awutoobuusa Imaltootaa deemaa ture tokko bombii awwaalame irra ba’e balaa dhaqqabeen yoo xiqqaate nama 13 ajjeesee kannen biroo madeessuu isaa polisiin Keniyaa beeksisee jira.
Awutoobusnii barcuuma 14 qabu kun Wiixata har’a gara magaala Mandheera deemaa ituu jiruu balaan isa mudatee.Midiyaan Keniyaa namoota ijaan arginee jedhan waabeeffachuun akka gabaasanti, dhohiinsa lubbuu galaafate sana booda dhuukaas dhageenye jedhan.
Namnii shakkame tokko to’annaa jala oolee gaaffiin dhiyaataafii akka jiru qondaallii polisii kutaa Sanaa Bunei Rono dubbatan jechuun, gareen Miniyaa the nation jedhamu ibsee jira.
Balaa kanaaf battalumatti itti gaafatama kan fudhatee hin jiru.