Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keniyaan Akeekkachiisa Shoroorkaa Jala Jirti 


FAAYILII - Magaala Naayirobii, Keeniyaa, Adoolessa 13, 2021
FAAYILII - Magaala Naayirobii, Keeniyaa, Adoolessa 13, 2021

Keniyaa keessa kan jiru Embaasiin Faransaayii lammiwwan biyyoota gama dhiyaaf akeekkachiisa of-eegannoo labsee jira. Dhuma torban kanaa irratti lafa lammiwwan biyya alaa itti walitti qabaman kan akka Hoteelaa, galma daldalaa gurguddoo keessumaa kanneen Naayrobii keessaa akka hin dhaqnee gaafatee jira.

Embaasiin Jarmanii gamas jiruus, lammiwwan isaa akka of eegannoo godhan akeekkachiise.Polisiin Keniyaa akka jedhutti, akeekkachiisa shoroorkaa kennamee argineerra, kanaaf eegumsa jabeessiina jedhee jira.

Angawoonni Keniyaa gama isaaniin, haleellaa shoroorkeessootaa karoorfame kanaaf deebii kennuuf jecha, humnootii nageenyaa lakkoobsaan ga’o bobbaafnee jirra jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG