Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Keeniyaa Filannoo Prezidaantummaaf Sagalee Kennan


Filannoo Keeniyaa
Filannoo Keeniyaa

Lammiiwwan Keeniyaa filannoo falmisiisaa biyyattiif sagalee kennuuf jecha har’a ganama barii wiirtulee filannoo guutummaa biyyattiitti toora galanii argamu.

Kan umuriin waggaa 30 ganda hiyyeeyyii Nairobii Kangemi jedhamtu keessa kan jiraatu Mildred Malubi akka jedhutti jijjiiramni nuti iyyaafii turre yoo ani dammaqee ba’ee sagalee kennine malee dhufuu hin danda’u.

Wiirtuleen filannoo hara ganamaan baname. Lammiiwwan Keeniyaa miliyoonna 20 ta’antu Kenyatta fi mormituu isaanii yeroo dheeraa hoogganaa mormitotoaa Raila Odinga waliin dorgomaniif sagalee kennuuf galmaa’an.

Filannoon kun erga mala teknooloojii fayyadamuu dhaan dhaan sagalee kennuun bara 2013 milkaa’uu dhabee as komiishina filannoof kan inni ittiin ilaalamu ta’ee jira.

Prezidaant Uhuru Kenyattaan uummanni biyyattii kanneen sagalee kennan nagaa dhaan akka geggeessanii fi abboota biyyattii bu’uursan akka boonsan waamicha dabarsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG