Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kibba Kaalifoorniyaatti Ammas Ibiddi Akka Haaraatti Ka’e


FAAYILII- IBIDDA BOSONAA- KAALIFOORNIYAA
FAAYILII- IBIDDA BOSONAA- KAALIFOORNIYAA

Ogeessonni ibidda dhaamsuu irratti bobba’an Kamisa har’aa ibidda bosonaa hamaa kan guyyaa tokko booda ka’e dabalatee dhaamsuuf wal’aanqoo qabaa kan jiru ta’uu isaaf angawoonnis namoonni 30,000 ta’an naannoo sanaa akka ba’an ajajaniiru.

Hojjettoonni ibidda dhaamsan ammallee ibidda Paleiseedis gama dhiha Los Angeles fi Ibidda Iiton kan kan tulluu kaaba magaalattii jalaa waliin liin wal'aansoo qabaa jiru.

Ibiddi Guraandhala 7 Kibba Kaalifoorniyaatti ka’e yoo xiqqaate lubbuu namoota 28 kan galaatatee fi gamoo kumaatamaan lakkaa’aman barbadeessee jira. Hojjettoonni balaa tasaa daaraa keessaa nama barbaadaa ennaa jiranitti, lakkoofsi namoota du'anii akka dabalutu eegama.

Deebii balaa ibiddaa kanaa qeeqaa kan turan prezidaantiin Yunayitid Isteetis Doonaald Tiraamp torban kana gara Los Anjelesitti ni imalu jedhamee eegama.

Ennaa ibiddi ka’e kun naannoo bashannanaa Leek Castaa’ik jiru lafa Skuuweer Kiiloomeetra 41 gubuu jalqabetti , gareen ibidda dhaamsu Roobii kaleessaa akka irratti fuuleffatu taasisee jira.

Ibiddi kun ennaa ogeessonni tilmaama haala qlleensaa qilleensi gogaan ka’ee ibidda dhaamsuuf rakkisaa ta’uu isaatiiin bakka birootti babal’atuu mala jechuun ennaa akeekkachiisanitti dhibba irraa harki 14% Kamisa har’aa ganama dhaamee jira.

Kan deebii ibidda kana dhaamsuuf ta’e qeeqaa turan prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Doonaald Tiraamp, torban kana gar Los Aanjelesitti ni imalu jedhamee eegama.

Forum

XS
SM
MD
LG