Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kiristiyaan Kolman M100, Muktaar Idriis M5000, Siifan Hasan 10,000 Moo'anii Shaampiyoona Addunyaa Irratti Biyya Ufii Warqii Badhaafatan


Christian Coleman,USA
Christian Coleman,USA

Guyyaa afurin duratti jalqaban atileetota biyyaa fi naannoo 209 keessaa walti filanitti Dohaa,Qataaritti Shaampiyoonaa Addunyaatti wal dorgomuutti jira.

Dorgommiin IAAF qopheesse tana Onkololeessa 6 dhumatti.Haga ammaa USA madaaliyaan 13n dura jira.Chaayinaatti 6n itti aanaa Jameeyikaan 3n faana jira.

Keenyaan Madaaliyaa lamaan abreesso jirti. Itoophiyaan madaaliyaa 3n shaneessoo jirti.

Itoophiyaan Shaampiyoonaa addunyaa kana nama hedduu itti filattee metirii 800 haga maratooniitiin dorgomtiti.

Dorgommii hardhaatiin metiri 5,000tiin Muktaar Idriisitti Itoophiyaa warqii badhaase. Itoophiyaan akka kanaan madaaliyaa sadii aragttee Shaneessoo jirti.

Atileeti Sifan Hassan lammii Itoophiyaatii amma Dutch dorgomti.Dorgommii guyyaa dheengaddaa irratti metirii 10,000 irratti itti awaarsitee daqiiqaa 30:17:62tti moote.

Siifan ammallee metirii 5,000 gaadachuutti jirti.Warra Amerikaa warqii afur badhaase keessaa tokkko Christian Coleman metirii 100 tana sekondii 9.76tti moo’e.

Justin Gatlin namuma Amerikaatii lammeesso baheef atiletiin Kanaadaa Andre De Grasse sadeessoo.

Berlin Jermenilleetti ijoolleen addunyaa walti filanilleen fiigichaan lafa walti ciraa bahan.

Qananiisaa Beqqelee sekondii lamaan rekoordii addunyaa dhabullee ittuma ciniinnatee maratoonii Berlin moo’e.

Qananiisaan maratootnii tana 2:01:41tti moo’e. “Hardha naa tahu baattulllee ciniinnadhee itti deeffadhaa iyyaaliin jedhe Qaniisaan.”

Birhaanuu Leggese lammeessoo Sisay Lemmaa ammoo sadeessoo.

Dhalaan ammoo Ashete Bakaree marattoonii tana 2:20:14n tokkeessoo taatee Maaree Dibaabaa ammoo lammeessoo taate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG