Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kirooshiyaan miiluma Arjentiinaa 3-0 carassiteen Ingilandillee 2-1 cal tolchite dheebuu ganna 52n galchite waancaf Faransaayiin walti marte


Namicha Kirooshiyaa Mario Mandzukictti goolii biyyitii isaa Waancaa Kubbaa Miilaa bara 2018 Raashiyaa iratti Ingilaanditti galchite lammessootti akkana gammadA. Luzhniki Stadium in Moscow, Russia, Wednesday, July 11, 2018. (AP Photo/ Frank Augstein)
Namicha Kirooshiyaa Mario Mandzukictti goolii biyyitii isaa Waancaa Kubbaa Miilaa bara 2018 Raashiyaa iratti Ingilaanditti galchite lammessootti akkana gammadA. Luzhniki Stadium in Moscow, Russia, Wednesday, July 11, 2018. (AP Photo/ Frank Augstein)

Adoo silaa jedhanii woma ‘guddaan sun jigee bubbii…’jedhan.Kirooshiyaan tapha hardhaatti adoo namii 78,000 bahee daawwatuu ittuma ciniinncahaa Ingilaandi dhahuma dhooftee ufi duraa girsite. Indilaandi eegii bara 1966 waancaa kubbaa miilaa mootee womaa hin argannee hardhallee dheebuu boora.

Dhalootii Kiroshiyaa ganna 5 lolee biyya ufii bara 1995 keessa harka Yugosilaviyatii baafatee lola ganna shaniitiin bilisoome.

Ummatii Kirooshiyaa akka henna bara 2017 miliyoona 4.28. Biyya diqqayyoo hagana ta Waancaa Kubbaa Miilaatii dabartee asi geette ta qaraa Uraagaay (1930) lammeessoon Kirooshiyaa.

Kirooshiyaan miiluma Arjentiinaa 3-0 qaarifteen Ingilaandillee 2-1 dhuqi tolchite
Kirooshiyaan miiluma Arjentiinaa 3-0 qaarifteen Ingilaandillee 2-1 dhuqi tolchite

Kirooshiyaan Naayjeeriyaa 2-0 dhuqi tolchite, Arjentiinaatti dabarte isiillee 3-0 cinaacha lafaan geette, Raashiyaan walti gadi dhiisan isiin ammoo dhahuma dhahanii lanqaansoo jigan, 1-1. Eegee ammoo adabbin (kubaa hindiriffoo kaahaniifii)4-3 ufi irraa galchite.

Ayis Laanditti dabarte isiillee 2-1 lola kubbaa miilaa addunyaa keessaa baafatte. Akkanuma tahaa biyya hedduu ufi jalaa haharcaaftee hardha ammoo Ingilaandiin walti gadi lakkisan.

Ingilaandiif Kiheeran Tiriper daqiiqaa 5esson irratti keessa buuseef 1-0 taate. Boqonnaa bahanii daqiiqaa 68essoo irratti ammoo gurbaan Kirooshiyaa Ivan Piriskii liphi goolii Ingilaadnitti liphi tolchee 1-1 tahan.

Wal dhabanii jennaan daqiiqa 30 daraniif adoo taphii dhumachuuf daqiiqaan liliphisuu gurbaan Kirooshiyaa Mariyoo Manduzkii daqiiqaa 109essoo irratti itti cuqqaaltee Ingilaandiin guddoon taan jiddee bubbisaa dabartee sadarakaa sadeessoof Beeljiyeemiin walti marte.

Ingilandi bara 1966 keesa waanca kubbaa miilaa moote eegisii suniiyyuu dheebuu qabdii hardhallee dheebuu ganna 52n galte.

Isiillee barana Tuniiziyaa 2-1,buufte Panaamaa ammoo 6-1 tumattee Kolombiyaatti dabaratee 1-1 gargara galan.Wal dadhabanaan kubbaa hindirfoo(adabbii) kaahainiif 2-0 ufi dura qajeelchite.

Dhalootii Kirooshiyaan haarahii ufuma addunyaa keessa bibilliqumatti jira. Ijoolleen isiin abadattu Luka Modrick, Ivaan Raktikii fi Mario Manduzki fa.

Ijoollee Ingilaandi dorgommii kubbaa miilaa baranaatiif dhufatteen 23 keessaa 18 miilaa haaraa.Armaan duratti waancaa kubbaa miilaa hin taphanne.

Ijoolleen Kirooshiyaalleen kahima nama isiin dhufatteen 23 keessa 13 warra bara 2014 waan kubbaa miilaallee taphate.

Manaajerii Kirooshiyaa Zlatko Dalic ijoolleen teenna tapha walti aanu saatii lama lamaa taphatanillee Ingilaandi waliin gammachuun taphannaa jedha.

Ijoollee Kirooshiyaa jajjaboo miila isaaniillee dooalra miliyoona hedduutiin bitan keessaa Luka Modrić #10(real Madrid) Real Madrdi dhuftaniin mindaa isaa akka henna bara 2013tti ganantti pawondi miliyoona 6, Domagoji Vida Turkii yaammatan #24 keeyyata,Ivan Raktik ammoo Barseloonaa dhufataniin #7 keeyyata.Marko Danzuki Juventuusii yaammatani #17 keeyyaa.

Kirooshiyaan akkuma bara 1991 Yugosilaaviyaa jalaa bilismmotee addunyaatti dabalamtee bara 1998 waliin haga ammaatti marroo shan waancaa kubbaa miilaatii dabarte.

Ta hardhaa waliin marroo shan waancaa kubbaa miilaa tapachuutti jirti. Amma Sanbata guddaa waancaaf Faransaayiin walti marti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG