Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kittaannaan Shamarranii fi Dubartootaa Dhaabachuu Qaba


Tokkumaa mootummootaa jaarmoliin mirga namaa kan sadarkaa addunyaa Kittaannaan shamarranii fi dubartoota irratti raawwatu dhaabachuu qaba jechuu dhaan waamicha dabarsaniiru. Seerri cimaan kan shaakala akkasii ittisus akka ba’u gaafatanii jiran.

Mana yaalaa Brass kan Finfinnee jiru keessatti ogeessa fayyaa gadameessaa kan ta’an Dr. Taaddesee Kitilaa qaama dhaluu dubartii kan ala jiru guutummaan ykn hanga tokko irra muruu dha. Kunis rakkoo hama kan akka dhukkubbii hamaa fi dhipina qaama sammuu fi yeroo da’umsaa rakkoo irraan ga’a.

Galmeen jaarmayaa fayyaa addunyaa akka agarsiisutti addunyaa irraa yeroo ammaa shamarranii fi durboota miliyoona 140tu daafoo kittannaan fiduun rakkataa jiran. Haalli kun immoo keessumaa Afriikaa keessatti beekamaa ta’us biyyootii Asiyaa fi giddu galeessa bahaa keessattis ni raawwata.

Akka WHOn jedhutti shamarraan miliyoona 92 kanneen umuriin isaanii 10f isaa ol ta’an Afriikaa keessaa kanneen miliyoona sadii ta’an immoo ardii ka biroo keessaa waggaa waggaatti kittaanamu.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG