Xurree ittiin seenan

Koolu Galtoonni Afriikaa Garba Mediteraaniyaan Akka Hin Seenne Ittisaman

  • VOA

Koolu Galtoonni Afriikaa Garba Mediteraaniyaan Akka Hin Seenne Ittisaman

Koolu galtoonni kun Ertraa, Giinii, Senegaal, Maalii, Nigeria fi biyyootii uffee Sahaaraa gad jiran irraa ka’uu dhaan gara andaara galaana Mediteraaniyaan ka dugdee Liibiyaa jirutti imalu. Achis haalawwan suukanessaatu isaan mudata. Doonii namoonni irratti heddummaatan irratti fe’amanii namoota isaan baraaran eeggatu. Kanneen lubbuun ooluuf carraa argatan immoo Awrooppaa keessaa jireenya haaraa jalqabuuf hawwu.

Jaarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa akka jedhetti bara 2016 keessa namoota kum 180 ol hedduun isaanii Liibiyaa irraa ta’antu galaanaan liqimfamuu irraa oolanii gara Xaaliyaaniitti geessamaniiru.

Galaana irraa kan isaan baraaranis maqaa Soofiyaa jedhamuun kan waamamu gamtaa Awrooppaa irraa hojii koolu galtoota baraaruu irratti kanneen bobba’aniif dhaabolii kan mootummaa hin ta’ini.

walakkeessa baatii Ebla bara 2017tti namoota itti dabalaa kuma 27 ta’antu gamas seenan.

Haa ta’u balee baatii Guraandhalaa keessa gamtaan Awrooppaa mootummaan Liibiyaan hojii naga eegumsa andaara galaanaa akka cimsu gochuuf doolaara miliyoona 200 kenneefii jira.

Akeeki isaas namoonni garba Mediteraaniyaan akka hin qaxxaamurre ittisuuf jecha. Kana irratti hundaa’uu dhaanis Liibiyaan koolu galtoota Afriikaa qabdee waaltaa hidhaa kan isaan keessa turuun biyya ofiitti deebisaman ykn carraan isa caalaa hamaa ta’e hanga isaan mudatutti achitti naquu qabde.

Gaazexaan Washington Post sochii xaaliyaaniin goote akka inni ibsetti danqaa koolu galtoonni biyyattii akka hin seenne gochuu ti ittiin jedhe.

XS
SM
MD
LG