Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishiiniin Qaama Gamtaa Afrikaa akka Adabatu Gafaatame


Gamoo Gamtaa Afrikaa, Finfinnee
Gamoo Gamtaa Afrikaa, Finfinnee

RakinaTigiraayi keesatii adeema jiruu akka qoratuuf kan dhaabatee komishiiniin qaamaa gamtaa Afrikaa ta’e akka ojii isaa irraa adabatu Mootummaan Itiyoophiyaa gaafachuu isaa oduun Asooshetid prees gabaseera.

Ministeerii dhimma alaa Itiyoophiyaa kamisaa kaleesaa ibsa baaseen qaamnii haaraa dhabate kun seeraan ala ta’uuu isaa ibsee kan dhaabachuu qabuu koree waloo kan mootummaas hirmaachise akka ta’uu qabu beekisisuu isaa Oduu AP himeera.

Haata’u malee qaamnii koree komishiinii mirga mamooma fi namootaa Afrikaa jalatii undaa’e kun mootummaa Itiyoophiyaa irraa wantii isaan qaqqabe akka hin jirree fi akka hojii isaanii itti fufan ittii aanaa dura taa’aan komishinii Gamtaa Afrikaa Remy Ngoy Lumba dubbatniiru.

Wantii nu jalqabnee waan dhabatu miti. Mootumma itiyoophiyaa iraa eeyyama arganeera. Dhimaa nageenyaatiin kan ka’ee guyyaan gara tigiraayi deemnu hin murtoofne. Ergaa ojii keenya raawatnee boodaa gabaasaa keenya hin maxxasina. Wantii ghokisinu hinjiraatu jedhu Remy Ngoy Lumba.

Waajirii mirga namoomaa Mootumoota gamtoomanii waa’ee tigiraayii irratii komishiinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa wajjin qorannoo gegeesaa jira. Yemmuu Itiyoophiyaan qorannoo waloodhaan taasifamuu qabutti amanitu kanati gaafiin walbumaa hojii qorannoo ka’aa jira. Komishiner Maya Sahlii Fadelmootummaa wajjin ojjachuun walabummaa komishiinichaa gaafii keessa akka galchu dubbachuu isaanii Ap caqaseera.

Komishiiniin Afrikaatii fi kan mootumootaa gamtoomanii garuu waliin ojjachuu akka danda’an ittii aanaa dura taa’aa komishinii Gamtaa Afrikaa Remy Ngoy Lumba dubtaniiru.

Komishiinichii ojii isaa kamisa kaleessaatii jalqabee geegeesaa akka jiruuf ji’a sadiif akka ture gabaan AP ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG