Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishinarittiin Mirga dhala Namaa Burkiinaa Faasoo Daawwatan 


Aangawaa mirga dhala namaa Tokkummaa Mootummootaa Misheel Baachaleet, Burkiinaa Faasoo, Mudee 1, 2021
Aangawaa mirga dhala namaa Tokkummaa Mootummootaa Misheel Baachaleet, Burkiinaa Faasoo, Mudee 1, 2021

Burkiinaafaaasoo keessatti walitti bu’iinsa hidhattoota Islaamaa waliin hammaataa dhufee keessatti miidhaa dhaqqabu ittisuuf yaaliin gaggeeffamu akka dabaluuf kan biyyattitti imalan aangawattiin mirga dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa Misheel Baachaleet gaafatanii jiru.

Gareeleen mirga dhala namaaf falman akka jedhanti, biyyattiin yeroo dheeraaf gareelee hidhatan kanneen Islaamiik Isteetii fi Al-qaayidaa waliin hidhata qaban waliin walittibu’iinsa gaggeesitee keessatti miga namoomaa kabajuuf qabsa’aa turte.

Misheel Baachaleeti daawwannaa guyyaa sadiif biyyatti keessatti gaggeessan xumuura irratti Roobii dabree Ogaaduguu keessatti tuuta oduuf ibsa kennan. Angawaan waa’ee mirga dhala namaa kan Tokkummaa mootummootaa Burkiinaafaaasoo ennaa dawwatu kun kan jalqabaa ti.

Waajirri Baacheleeeti baatii Onkolooleessa dabree akka jedheetti, mootummaa biyyatti deggeruuf jecha iddoo sanatti ni argamna jedhee ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG