Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kongresiin Amerikaa Inni 112ffaan Hojii Jalqabe.


Ripaablikaanonni sagalee irra jireessa argatan mana marii bakka bu'oota uummataa dhuunfataniiru. Demokraatonni immoo Seneeta keessaa sagalee irra hedduu qabu, kun immoo mootummaa United States addaan qoodee jira.

Miseensota haaraa kan kongrasa 112ffaa
Miseensota haaraa kan kongrasa 112ffaa

Senatara haaraa Ripaablikaanootaa kan kutaa Kentaakii Raand Pooll Televiziyoona CBSf akka ibsanitti, maallaqnii baasiif ramadamuu akka malee guddaa yoo hin ta’iin, liqaa mootummaan barbaadu akka guddatuuf sagalee hin kennu jedhan.

Namonni haaraan gara Washington dhufnee kun liqaan akka hin baayyanneef hojjanna, kanaaf jecha baajata jiru madaaluu qabna jedhu.

Liqaa fudhatamu qabu ni uggurama taanaan,mootummaan Amerikaa liqaa kennuuf dirqama irra jiru eeguu waan dadhabuuf jecha, badii rakkoo maallaqaa hamaa fida jechuun bulchiinsi Prezidaant Obamaa akeekkachisee jira.

Baajata qabamee keessatti itti gaafatama qaban ibsuuf, miseensonni mana maree kan riipaablikaanotaa, mindaa ofii argatan irraa gad cabsuun tarkaanfii duraa taana jedhu. Koongiresni Yunaayitied Isteets seera tajaajiila eegumsa fayyaa kan prezidaant Obamaa raggaasisanii turan keessa deebi'ee torban dhufu sagalee itti kenna jedhamee eegama.

Dhimmi kun carraa hojii fi dinagdeetti hidhata qaba, seerri waa’ee tajaajiila eegumsa fayyaa nama dhunfaa fi kanneen carraa hojii kennan irratti dabala dilaalaa guddaa waan uumeef jecha,carraan hojii aargachu akka gad cabuu taasise jedhan.

Afaan-yaa’ii mana-marii Yunaaytiid Isteets kan turan Naansii Peloosi haala jabaa keessa darbuun injifannoo uummata Amerikaaf argamsiisneef jabaannee qabsaa’uu qabna jedhan.Carraa hojii banuun dhimma iddoo duraa kennamuu fi handhuura ejjennoo keenyaa akkuma ta’e gama tajaajiila eegumsa fayyaa fi wabii dinagdeen injifannoo argaman eegsiuuf nuti Demookraatonni hojjachu ittuma fufna jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG