Xurree ittiin seenan

Breaking News

Konkola’attonni fe’isa gargaarsaa Tigraayiin seenuu hin dandeenye


FAAYILII - Konkolaataa Dhaabbata Nyaata Addunyaa, Tigraay, Hagayya 23, 2021
FAAYILII - Konkolaataa Dhaabbata Nyaata Addunyaa, Tigraay, Hagayya 23, 2021

Konkola’attonni Midhaan nyataa fi gargaarsaa namoomaa fe’anii gara naannoo Tigraay deemaa turan, karaa Samaraa irraa kaasee Abi’aalaadhaan Maqaleetti geesuu irratti waan dhukaasni itti banameef of irra deebi’uu isaanii dubbi-himaan Mootummaa Itiyoophiyaa Leggesee Tulluu sagalee Amerikaatti himaniiru.

Ministeerri dhimmaa alaa Itiyoophiyaa torban darbe konkola’attonni gargaarsa namoomaa fi boba’aa fe’an garaa Tigraayitti imaluudhaaf Samaraa irraa ka’uu isaanii ibsee ture.

Waajiraa Dhimmaa alaa naannoo Tigraayf itti gaafatamaa kana ta’an Obbo Yohaanis Abrahaa Kaanaadaa irraa yemuu VOAtti himan, konkola’attonni fe’saa sun gara Tigraayitti imaluu isaaniif akka odeeffannoo hin qabnee dubatan.

Haat’u malee, akkaataa gargaarsii namoomaa daanqaa malee darbuuf mariin walii galtee guyyootan 30f dhukaasaa dhaabuu akka taasifamaa ture, kan ibsan Oboo Yohaanis marichii Xumura irra akka hin geenye himaniiru.

Karaa biraatiin Konkola’attoota gargaarsa namoomaa fe’anii garaa naannoo Affar fi Amaaraa demaa turan irratii samiichii raawwatamuu isaa dubbi- himaan mootumaa Leggesee Tulluu ibsaniiru. Konkola’attonni fe’esaa gargaarsaa kun akka garaa Afaaritti imalaan Dhaabbanni Midhaan nyaataa Aduunyaa VOAti himuu isaa gabaasni Kenedii Abaatee Ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG