Xurree ittiin seenan

Breaking News

Konkolaataan Gargaarsa Fe’ate Tigraayiin Dhaqqabuu Angawoonni Naannoo Mirkaneessan


Konkolaataa Dhaabbata Nyaata Addunyaa (AFP) qaraarsa gara Tigraay geeffamu fe'ee deemu

Jimaata darbe jechuun Bitootessa 23 bara 2014 gargaarsa midhaan nyaataa kan fe’atan konkolaattonni 21 naannoo Tigraay seenuu isaanii itti gaafatamaan misooma qonnaa fi baadiyyaa Dr. Attinguut Mezgebuu ibsaniiru. Konkolaattonni sun midhaan fe’an sambata achitti buusanii dilbata deebi’uu isaaniis

Sirriitti ennaa ilaallu, guyyoota sana ennaa lakkoofnu, guyyaa lakkaa’aa waan turreef, rakkoon cimaan waan tureef jecha guyyoota 109 booda yeroo jalqabaaf daandiin sun hojii jalqabuu isaa kan mirkaneessan yaalii dhaaf konkolaattonni darbaniiru.

Yaaliif kan ergaman kun midhaan gargaarsaa baatanii jiru. Konkolaattota 21, tokko boba’aa baataa 20 immoo calla midhaanii fi qamadii fe’ataniiru. Konkolaattonni sun kan Sagantaa nyaataa addunyaa yoo ta’u, Gargaarsi sun kan sagantaa nyaataa adduunyaa fi kan CRS. Gargaarsa USAID-n gargaarsi sun kan raabsamu jedhan..

Kun egaa daandiin banaa dha. Gargaarsi darbuu hin danda’a isa jedhu mirkaneessfu yoo ta’e male, rakkoo hawaasa rakkate kan as jiru fura miti. Jalqqabbii fi abdii gaarii dh jedhaniiru.

Konkolaataan Gargaarsa Fe’ate Tigraayiin Dhaqqabuu Angawoonni Naannoo Mirkaneessan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:03 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG