Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koolu Galtoonni 2 Galaana Mediteraaniyaanin Liqimfaman, 100 ol Baraaraman


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Reeffi koolu galtoota lamaa garba Mediteraaniyaan keessaa argamuu isaaf yabalaawwan gama Awrooppaatti imalaa turan lama andaara galaana Tunisiyaatti garagalanii booda kanneen biroon 20 immoo as buuteen dhabamuu angawoonni beeksisanii jiran.

Murni human galaanaa Tuniisiyaa walumaa gala namoota 109 baraaruu isaanii ministriin ittisaa roobii kaleessaa beeksisee jira.

Koolu galtoonni irra hedduun biyya uffee sahaaraa gadii irraa gamas dhaqu. Biyyattii Kaaba Afriikaa kana irraa yabalaawwan koolu galtootaan wal qabatee balaawwan uumaman keessaa inni kun isa boodanaa ti. Koolu galtoonni shantama ta’an walakkeessa baatii Eblaatti andaara galaana Tunisiyaatti yoo liqimsaman, kanneen dhibba ta’an immoo baraarmaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG