Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Itiyoopiyaa Daawwatan


Prezidaantii Kooriyaa Kibbaa Park Geun-hye
Prezidaantii Kooriyaa Kibbaa Park Geun-hye

Kooriyaan biyya warra Afriikaa erga dhuftee waggoonni laka’amaniiru. Mobile sumsung haa tolu malee biyyattiin kun kanneen miliyoonaa laka’amaniif dhiyoo dha. Dargaggoonni haasaa presidentittii dhaga’uuf dargaggoonni galma sana keessatti wal ga’anis mobile oomisha Kooriyaa ta’e kana harkatti qabatanii turan.

Kooriyaan ba’ teeknoloojii kan akkasii fi guddina dinagdee isheetiinis milkaa’inaan trkaanfataa jirit. Gamtaa Afriikaatti haasaa kan dhageessian president Paa ku niyee turjumaanaan gargaaramuun akka jedhanitti walakkeessa jaarraa tokkoo dura haalli jiru kanatti adda ture.

Akka biyyoota Afriikaa hedduu jaarraa tokko dura kooriyaan dararaa koloneeffatamuu jala turte. Waggoota 65 duras Koriyaan wal waraansa biyyattii rakkoo hamaa keessa buuse keessa dabarte. Walakkeessa jaarraa tokkoo dura immoo kooriyaan beelaa fi abdii kutannaa keessa turte. Akkas iyyuu ta’ee uummanni Kooriyaa abjuu fi abdiin isaanii harkaa akka miliquuf carraa hin kennine. jedhan.

Kooriyaan milkaa’ina kana kan dhaqqabde Afriikaa dabalatee wal ta’iinsa hawaasi addunyaa godheefiin ta’uu presidentittiin yaadachiisaniiru.

Akka fakkeenyaattis dimokraasii keenyaaf jecha dhiiga isaanii dhangalaasan kan ittiin jedhan lammiiwwan Itiyoopiyaa duula Kooriyaa irratti hirmaatan maatii kanneen duula sana irratti hirmaatan bakka argamanitti dubbataniiru. Teessoo gamtaa Afriikaa kan taate Itiyoopiyaan yeroo waraana Kooriyaa loltoota ishee ergitee jirti.

Presidentiittiin yeroon kun yeroo itti dudda deebisan, biyyi isaanii gara guddinaatti ennaa tarkaanfataa jirtu Afriikaa dhaaf qooda gama ishee ni gumaachiti jedhan. Akkuma Lauret Tseggaayee Gebremedin Afriikaa muka jireenyaa goona jedhe kana gochuuf akka michuu gaariitti kooriyaan isin waliin tarkaanfatti jedhan.

Dargaggoota Afriikaaf carraa hojii babal’isuuf wagoota shanan itti aanan keessa ijoollee Afriikaa dandeettii qaban kuma ja’a kooriyaa ykn Afriikaa keessatti leenjisi ni kennamaaf. Lammiiwwan Koriyaa fedha ofiin bobba’an kummi afuris gara Afriikaatti ergamu.waaltaa teeknooloojii Afriikaa keessatti kan hundeessan ta’uu fi karoora qaban ka biroo illee beeksisaniiru.

Prezidaantittiin Kooriyaa kibbaa daawannaa isaanii Itiyoopiyaatti geggeessan guyyaa har’aa xumuraniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG