Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaan Kaabaa Agarsiisa Humna Waraanaa Taasiste


Hundeefama Humna WarraaqsaaUmmattoota Kooriyaa 90ffaa sababeeffachuudhan agarsiisa halkan geggeeffame, Piyoongyaangi, Ebla 26, 2022
Hundeefama Humna WarraaqsaaUmmattoota Kooriyaa 90ffaa sababeeffachuudhan agarsiisa halkan geggeeffame, Piyoongyaangi, Ebla 26, 2022

Biyyii Kooriyaa kaabaa wagga 90ffaa hundeeffamuu umnaa waraanaa biyyaatti kabajuudhaaf jechaa misaa’elootaa Baalastiikii gurgudoo dabalatee agarsiisaa hiriiraa umnaa waraanaa guddaa taasisuu ishee miidiyaaleen biyyatti ibsuun isaanii beekameeraa.

Magaala Piyoongyang keessatti hiriira umna waraanaa galgala taasifamee kana irratti hargamuudhaan haasaa kan taasisan Prezidaantiin biyyatti Kiin joong Un umnaa meeshaa nukleeraa biyyatti harfachiisaadhaan guddisuun akka barbaachisuu dhaadachuu isaanii dhaabanni oduu mootummaa biyyatti ibseera.

Xiyyaaraaleen yeroo agarsiisa irratti hirmaataan, Suuraa dhabbata oduu Senteralin gadhiifame, Ebla 26, 2022
Xiyyaaraaleen yeroo agarsiisa irratti hirmaataan, Suuraa dhabbata oduu Senteralin gadhiifame, Ebla 26, 2022

Erga bara 2017 as yeroo jalqabaatiif Ji’a darbee keessaa kooriyaan kaabaa yaalii furguggeessuu misaa’elaa Baalastiikii biyyaa qaxxaamuru taasisuun ishee gabsameera.

Akka haanga’oonii Yunaayit Isteets jedhanitti,kooriyaan kaabaa dhihenyaa keessaatis misaa’elaa fageenyaa deemuu danda’u dabalatee yaalii nuukileeraa taasisuudhaaf qophaawaa jirti. Haanga’onii kun gochichii nageenya naannoo sanatiif yaaddessaa akka ta’e ibsun isaaniis beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG