Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kooriyaan Kaabaa Misaa’ela Dhukaasuu Itti Fuftee Jirti


Kooriyaan kaabaa Misaa’ela dhukaasuu itti fuftee jirti
Kooriyaan kaabaa Misaa’ela dhukaasuu itti fuftee jirti

Biyyii kooriyaa kaabaa yaalii misaa’ela furguggeessuu itti fufudhaan Kamisaa har’aa misaa’ela baalastiikii kan fageenyaa gabaabaa lama furguggeessuun ishee beekamera.

Ergaa jiinii Ammajii kun eegalee Koriyaan kaabaa yemmuu galaan irraatti yaalii dhukaasa misaa’elaa taasistu inni har’aa 9ffaa fi 10ffaa dha jedhameeraa.

Muumeen ministeeraa jaappan Fuumi’oo Kishiidaa dhukaasaa misaa’elaa kana ilaalchisuudhaan yaadaa kennaniin, gochicchii seeraa mannii maree nageenyaa mootumootaa gamtoomanii raggaasisee cabsuu akka ta’e dubbataniiru.

Ministeerii dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets gamaa isaatiin dhukaasinii misaa’elichaa naanichaa fi hawaasaa adduunyaatiif yaaddesaa akka ta’e ibseera.

Bulchiisin Joo Baayiden marii Koriyaa kaabaa waliin taasisaa ture isa bara 2019 garagar cite itti fufuudhaaf yaalaa jiraatus, Kooriiyaan kaabaa garuu, waa’een waraanaa Yunaayitid Isteest Kooriyaa kibbaa keessa jiruufi dhimmi qoqqobbi diinagdee ihsee irra kaa’ame dursuu qaba yaada jedhu akka haaldureetti waan gaafatteef marichaa itti fufuun amma ammaati hin milkoofne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG