Xurree ittiin seenan

Breaking News

KOOVIID-19 fi Jijjiirama Qilleensaa Irratti Tarkaanfiin Fudhatamuu Qaba: Prezidaant Baaydiin


Prezidaantii Yunaaytid Isteets Joo Baaydiin,

Prezidaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baaydiin, haasawaa yeroo jalqabaaf gumii walii galaa kan Tokkummaa Mootummootaa duratti kaleessa dhageesisaniin, hariiroon Diploomaasii dura dhaabannaa qabu akka jiraatu ibsuun, loolli qabanaawaan haaraan lamuu akka hin barbaachiifne hubachiisan.

Ajandaa addunyaan qabdu irrattis Yunaaytid Isteets humna waraanaa gargaaramuun carraa isa dhumaa malee kan jalqabaa hin ta’u jedhan.

Prezidaant Baaydiin haasawaa daqiiqaa 30f dhiyeessan Kanaan dhukkuuna KOOVIID-19 fi jijjiirama qilleensaa irratti tarkaanfii jabaan akka fudhatamuuf dhiibbaa taasiisan.

Robii har’a immo, hogganoota addunyaa kanneen biroo waliin waa’ee talaalii KOOVIID ilaalchisee marii gama marsariitiin ta’u gaggeessuuf jiru.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG