Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Fannoo Diimaa Addunyaa Gargaarsi Tigraayiif Ergamu Itti Fufuu Beeksise


Hojjatoota Koree Fannoo Diimaa Addunyaa qarqaarsaa meeshaa fayyaa Maqalee yeroo geessan, Amajii 26, 2022
Hojjatoota Koree Fannoo Diimaa Addunyaa qarqaarsaa meeshaa fayyaa Maqalee yeroo geessan, Amajii 26, 2022

Koreen fannoo diimaa addunyaa mootummaa federaalaa fi miinistrii eegumsa fayyaa waliin ta’uu dhaan baatii Fulbaanaa as kan addaan cite ture deggersa meeshaalee wal’aansa fayyaa torban darbee jalqabee walumaa gala balaliiwwan 7 gara Meqeleetti geggeessuu dhaan dhiyeessuu isaa beeksisee jira.

Dubbi himaan koree kanaa Faatimaa Saakor VOAf akka ibsanitti dhiyeessii kana kan itti fufan ta’uu isaanii fi filmaata geejjiba lafoos gargaaramuu dhaaf qaamotii walitti bu’an lamaan waliin marii gaggeessaa jiraachuu isaanii dubataniiru.

Naannoo Amaaraa fi Affaar keessattis deggersa gochuu isaanii fi miidhaan hagamii akka ga’e tilmaamaa jiraachuu dubbataniiru.

Koreen fannoo diimaa fi ministriin eegumsa fayyaa deggersi isaan godhan gama gargaarsa dawaa fi wal’aansa fayyaan bakka duwwaa uumame kan dhiphisu ta’uu dubbi himtuun kun dubbataniiru jechuun Addis Chekkol gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG