Koreen paarlaamaa Liibiyaa jimaata dhuftu filannoo prezidaantummaa geggeessuun akka hin danda’amne har’a beeksisee jira.
Dura taa’aan koree sanaa gamaaggama isaanii xalayaa barreessaniin hoogganaa paarlaamaaf kan dhiyeessan, gabaasaalee, teekinikaa, haqaa fi dhimmootii nageenyaa irratti erga mari’atanii booda. Dura ta’aan kun filannoon guyyaa itti geggeessamu haaraa hin ibsine.
Komiishinni filannoo Liibiyaa yeroo xiqoo booda filannoon sun hanga Amajjii 24tti akka dheeratu yaada dhiyeessee jira.
Adeemsa kana ilaalchisee falmiin jiru, filannoof sagalee kennuu yeroo hedduuf eegamaa ture boodatti hambisa tilmaama jedhu uumee jira.
Liibiyaan hoogganaan yeroo dheeraa Moammar Gaadhaafii aangoo irraa erga fonqolchamanii waggoota 10 booda, mootummaa yeroofiin socho’aa kan jirtu yoo ta’u, kutaa biyyattii bahaa fi dhiya keessaa gareeleen wal morman adeemsa nageenyaa tokkummaaa mootummootaan deggeramu kabachuuf wagga darbe keessa lola dhaabinsa tolfatanii jiran.
Kibxata kaleessaa, gurmuun Tokkummaa mootummootaa kan Liibiyaa keessaa haala nageenya Tripoolii keessaa, gareelee adda addaa waliin humnoonni hidhata qaban walitti qabuun muddama uumuu dhaan gara walitti bu’iinsaatti geessuu mala jechuun yaaddoo qabu ibsee jira.
Haalli kun tasgabbii fi filannoo geggeessuuf haalawwan barbaachisoo ta’an guutuuf mijataa miti kanaaf fooyya’ina gama nageenyaa Liibiyaan hanga yoonaatti argatte balleessuu danda’a jechuun illee akeekkachiisee jira.