Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Seeraa Mana Maree US Pirezidaanti Tiraampi Dubbii Yukireen Irratti Seera Lama Cabse Jedhanii Balleessaa Itti Muran


trump impeachment
trump impeachment

Miseensotii Mana Maree nama 40 tahan kun halkanii fi guyyaa dubbii tana irratti wal falmaa saatii 14 wal irra turan.

“Itti gaafatama kennaniif cabse,horii ummataa balleesse kkf waan dhugaa irraa fagaate” jedhe,Guy Reschenthaler miseensi mana marii Amerikaa godina Pensilveniyaa.

Sheila Jakson Lee ammo miseensa mana marii Amerikaa paartiin Demokriaati godina Teksas.

“Pirezidaanti Tiraampi amalaa fi adaba isaatti koree mana marii tana durattiin fide,horii ummata balleesseef himatan adara itti kennatn dabse,filannoo dhuftu irratti nama isaan dorgomu dharaan moohachuuf maqaa balleessii tanaan dhufe.”

Koreen mana marii Amerikaa paartii Demokriaatii fi Republican akkana kana wal falmaa oolanii bulanii ganama kana harka baasnii wal moo’an.

Koree seera mana marii Amerikaa 40 keessaa nama 23tti akka Tiraampi yakka lamaan himatu walii gale namii 17 ammoo hin morme.

Akka kanaaan Tiraampi seera lama cabse jedhanii itti muran.

Seerii lamaan innii cabse akka Ukreeyin itti aanaa pirezidaanti Amerika ka durii Joe Biden qorattu hajajee didanii jennaan gargaaras Amerikaan Ukreenii kennitu irraa dhaabe.

Tiraampi waan kanaan himatanii jennaan dubbii tanatti gadi bahuu dhowwee jedhani itti muran.

Amerikaan gargaarsa doolarii miliyona 391 Ukreenii kennite horii sun Tiraampillee Fulbaana dabre keessa gadi dhiiseef.Eegee ammo irraa qabe.

Dubbii pirezidaanti Tiraampin himatanii koreen seeraa itti murte tana torbaan dhufu mana marii Amerikaa miseensa 435 qabutti dabarsan.

Dubbii tana ji’a aanutti ammo Senetii Amerikaatti laala. Tiraamopii fi Rippaabilikaan wannii isaan himatan kun dhara jedhanii mormaniif.

Senetii Amerikaa hagii guddaan paarti Tiraampi fa’a mana maree ammo paartii Demokiraati

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG