Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawonni Itoophiyaa Waashington DC Keeessatti Marii Gaggeessan


Korii Embaasiin Itoophiyaa nama isa gargaare waliin qopheesse kun,mari guddinnaa fi jijiirama biyya keessaa, nama biyya alaa jiru waliin mari’annaa jedhamee yaamame.

Waan irratti mari’atan keessaa, Itoophiyaan guddinnaan eessaa kaatee eessa geette,amma eessa jirtii, fi garam deemuutti jirtii faa. Akka gabaasa kanaatti, Itoophiyaan gannuma gannaan harka 11 fi wayiin guddahcuutti jirti.Gabaasii Minsitera barmusaa Itoophiyaa obbo Demmeqee Mokonninilleen biyyitii gama barmusaatiin akak durii kaan qaata biraa fagaattee, nama harka afurii keessaa harkii tokko ka wa barate jedha.

“Manneen barmusaa kuma hedduu fi barattoota miliyoona hedduutti biyya keessa jiraa guddinnii kaanillee ittuma jira…guddinnaa eegee qabannee irratti nu gargaaraa”

Gama kaaniin ammoo kora ambaasaaddera Itoophiyaa ka USA jiruu ,obbo Girmaa Birruu dabalee, namii akka akkaa itti dhufe kana waan hedduutti jeeqe.Namii Itoophiyaa heduun balbala galma koraatiin seenani fi itti dhiyaattutti walti dhufee, lafa namii itti hidhamee itti ijjeefamuutti guddinna maanti jiraa jedhee kora kanatti hiriira bahe.

Warqata yaamichaatuu abbaa fedhanii fi akkuma wal beekaniin walii qoodanii seennee rakkoo teennallee himachuu hin dandeenne fa jedhan.

Korii Washington DC University Howarditti Ebla 8 yaamane kun,jalqababaayyuu waan hedduun jidduutti ciccitaa deeme.Gabaasii dhumatee namii lamaa sadii wa gaafatee hedduulleen gaafi oli kahee kaan harkaa baasee adoo eegatuu,galma kana “hujiif barbaadanbii bahaa” jedhaniin dhufte.Eegee korii kun Embassy Itoophiyaatti taahe.

Bulchootii Itoophiyaa kutaa USA fi Candaatti waan guddinna biyyiti keessa jirtuu irratti mari’achiisuuf imaltuu dhufan akka gabaasa arganneetti.

Waan tana irratti waa qopheessine MP3 irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG