Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koriyaan Kaabaa Har’as Yaalii Dhukaasa Misaa’eelaa Gaggeesite


Namoota yaalii geggeeffamee Televiziyoona irratti laalan, Amajjii 17, 2027

Koriyaan Kaabaa har’a Misaa’eela Baalistiik dhukaasuu ishee waardiyyaan handaara galaanaa kan Jaapaan beeksisee jira.Kunis ji’a kana keessa qofa yeroo 4ffaaf ta’u fi mariin Amerikaa fi Koriyaa Kibbaa waliin gaggeessan eega danqamee booda,

Waraannii Koriyaa Kibbaas akka gabaaseetti, koriyaan kaabaa waan adda hin baafamiin tokko handaara galaana ishee irraa dhukaastee jirti.

Guyyaan waggaa haaraa eega seenee as, Koriyaan Kaabaa yaalii kanneen biroo sadii kan gaggeessite yoo ta’u yaaliin dhukaasaa inni har’a kun missiles attamii akka ta’e hin ibsamiin jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG