Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koriyaan Kaabaa Yaalii Misaayila Baalistikaa Geggeessuun Gabaasame


FAAYILII - Hogganaan Kooriyaa Kaabaa yaalii misaayila bara 2019 keessa godhamue yeroo daawwatan (Suuraa sagantaa TV Noorz Kooriya Broodkaaster irraa fudhatame)
FAAYILII - Hogganaan Kooriyaa Kaabaa yaalii misaayila bara 2019 keessa godhamue yeroo daawwatan (Suuraa sagantaa TV Noorz Kooriya Broodkaaster irraa fudhatame)

Kooriyaan kaabaa misaayila baalistikaa ti jedhamee kan shakkamu har’a dhukaasuu ishee kooriyaa kibbaa fi Jappan gabaasanii jiru. Kunis waggaa haaraatti yaalii meeshaa waraanaa Piyoongyaang goote ka jalqabaa ti.

Kooriyaan kaabaa misaayila qeenxee fakkaatu kan dhukaase konyaa Jagaang gama kaabaa irraa gara andaara galaana gama bahaatti ta’uu waraanni kooriyaa kibbaa beeksisee jira. Misaayilli kun km 500 kan furguggifame ta’uu ministeerri ittisaa Jaappaan Nobuo Kishii beeksisaniiru.

Ibsi itti dabalaa kenname hin jiru. Kooriyaan kaabaa ennaa meeshaa waraanaa dhukaastu akka baratametti guyyaa itti aanu gaazixaalee mootummaa irratti beeksisti. Kooriyaan kaabaa baatii Onkoloolessaa qabdee doonii galaana jala deemtuun misaayila baalistikaa erga yaaltee as kun kan jalqabaa ti.

Muummichi ministeeraa Jaappaan Fumii’oo Kishiidaa tuuta oduuf har’a ibsa kennaniin yaaliin misaayilaa kun dhugumatti kan nama gaddisiisu. Kan wal ga’ii hatattamaa geggeesse manni maree nageenya biyyoolessaa kooriyaa kibbaa illee yaaddoo qabu ibse kaaba waliin battala mari’achuun barbaachisaa ta’uu cimsee yaadachiisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG