Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obomboleettiin Floreens jedhamu Kutaa US, Norz karolaayinaa Dhaqqabee Jira


Obomboleettiin jandoo robaa makattee fi moggaafama maqaa Floreens jedhamu qabdu handaara galaana atlaantiik Amerikaa kutaa Norz karolaayinaa jedhamtu jimaata har’a dhaqqabdee jirti.

Kunis lubbuu namaaf sodaachisaa fi bishaan galaana irraa dhahaan lafa irra guutee jira.Bubbee hamaan jiraachuu fi roobnii hamaanis mudatee jira ibsamee jira.

Waaltaan waa’ee obombooleetti kan guutummaa yunaaytid Isteetes akka jedhutti Obomboleettiin kun ammaaf sa’atii tokkotti kilo meetra 150 fiigaa ykn qilleensa’aa jira.

Humnii obomboleettiin kun qabdu gad cabaa jira jedhamuus jabaachuu akka maluu raagdoonni haala qilleensaa ibsanii jiru.

Bulchaan kutaa Norz Karalaayinaa Roy Kuupar akka jedhanti balaa geesisuu mala kana malees hammaachuun fixiinsa dhaqqabsisuu mala.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG