Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kuubaan Ugguura Amerikaa Jala Eega Seentee Waggaa 60 Guute


Namoota myaata bitachuuf hiriiran, Havaanaa, Kuubaa, Guraandhala 4, 2022

Ugguura dinagdee Amerikaan irra keesse Wiixata har’a waggaa 60 yeroo guutee kanatti akkaan kan miidhee yoo ta’u uggurri kun kaafamuu mallattoon agarsisuu hin jiru.

Uggurri kunis prezidaantii Amerikaa kan yeroo Sanaa Joon F keeneediin ajajamee Guraandhala 3 bara 1962 kan labsamee yoo ta’u kunis walii galtee daldalaa ture ugguruun guyyaa 4 hojii irra oluu jalqabe.

Ajaja kana keennuun keenya jedhan Keneediin mootummaan Komunistii Kubaa aangoo qabu gargaaramuun sodaa uumee hanqisuuf jedhanii turan.

Ergasii as Kubaa keessatti jijjiirama fiduun dadhamabuus waggaa 60 booda har’as uggurri ka’amee hojii irra olaa jira.Kubaan ugguura Kanaan kan akkaan miidhamte yoo ta’u keessumaa waggoota darban 30 keessatti rakkoo dunagdee hamaa keessa jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG