Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qilleensii La Nina bokkaa biyyootii Afrikaa Gaafaa hagii tokko Onkoleessaa- Muddee dhuftuu abdatan diqqeessuuf deema jedha dhaabii NOAA


La Nina-n bokkaa Afrikaan Gaafaa Onkololeessaa-Muddee dhuftu eegattu irraa diqqeessuuf deema
La Nina-n bokkaa Afrikaan Gaafaa Onkololeessaa-Muddee dhuftu eegattu irraa diqqeessuuf deema

La Ninan ammallee biyyoota Afrikaa gama Gaafaa haga tokko irraa bokkaa Onkololeessa dhufu roobu diqqeessuuf deema-NOAA
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:58 0:00

Bisaan garbaa, jalaa haga gubbaa qabbanaahuun qilleensa naannoo qabbaneesa. Bisaan garbaa, jalaa haga gubbaa oowwuun ammoo naannoo oowwisa.Qilleensii garbaa oowwaan, qilleensa bokkaati.

Qilleensii El Niinoo qilleensa oowwa garba Paasific gama Dhiyaa fi qilleensa diqqaa garba Paasifik gama Bahaatii dhufu.

La Niinaan bisaan garba paasifik mudhii lafaa,Paasifik gama Dhiyaa fi gama Jidduu akka malee qabbaneessa.

Qilleensii amma garba Paasifiktti jijjiirame kun bokkaa silaa ji’a dhufu keessaa Afrikaan gamii Gaafaa argachuu malte Afrikaa Kibbaatti geessa.

Dr.Chirs Funk saayintistoota Amerikaa qilleensa akkanaa qoratan keessaa tokko. Akka innii jedhutti saayintistootii NOAA,Dhaaba Tohannaa Hawaa fi Qilleensa Amerikaa Itoophiyaan gama Kibbaa Bahaa, Naannoo Somaalee, Keenyaa gama Bahaa fi naannoon Somaaleelandi bokkaa silaa ji’a dhufu keessa argachuu malan dhaban jedhanii harka 55-60 mirkansan.

Qilleensii garba Paasifik gama Dhihaati fi gama Jidduu Hagayyaa keessaa akka male qabbahee, La Niinaan dhufe.

Akka saayintistootii tohannoo qileensa dhiyoo tana Washingtion DC-TTI kora taa’an jedhanitti qilleensii kun bokkaa silaa Afrikaan gamii bahaa Onkololeessaa, Sadaasaa fi Muddee argachuu malan irraa diqqeessa.

Naannoon tun qaraa rakkoo guddoo keessa jirti.Rakkuma akkanaatti Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Keenyaatti gatiin midhaanii qaalessee akka USAID,Dhaabii Misoomaa Amerikaa Guddinna Biyya Alaatiin gargaartu jedhutti nama miliyoona 18 gargaarsa eegachiise.

Rakkoon ammaaa itti dabalamte jechuun ammoo akka naannoon ji’a 18 caalaayyuu bokkaa dhabsiisa.Tun akka Dr.Chris jedhutti waan guddoo nama yaaddessaati.

"Bona sadii walti aane qabaachuu rakkoo bara 2011 fi 2012 caalaa hammaattu jechuu. Rakkoon bara sunii Afrikaa gama Gaafaa qofa keessatti nama kuma 260 fixxe fixxee jedha.”

Qilleensii garba Paasifik irraa kahu kun Afrikaa gama Gaafaa irraa bokkaa fuudhee Afrikaa Kibbaa geessa.

Afrikaan Kibbaa akka kanaan bokkaa guddaa argatti biyya hedduulleetti lolaan itti baafachuu dandaha.

Bara 2015 keessaa La Niinaan kun Afrikaa Kibbaatti bona buusee Afrikaa Bahaatii ammoo bokkaan dhufe.Gaafsa Afrkaan gamii bahaa bokkaa gabbaa argatte

La Niinaan gamanaa fi gamasi dhahee kaanii bokkaan dhufaa kaan ammoo bona itti buusa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG