Xurree ittiin seenan

Breaking News

Laalibalaa Keessatti Hojii Turizmii Jalqabsisuuf Sochiin Eegale: Angawaa 


Magaala Laalibalaa (suuraa faayilii)
Magaala Laalibalaa (suuraa faayilii)

Sababaa wal waraansaan dadhabee kan ture sochii Turizmii jalqabuuf hojiin jalqabamuu isaa waajirrii Turizmii bulchiinsa naannoo Amaaraa beeksisee jira.

Waajirichii ayyaana Gannii dhufu sadarkaa biyyaatti magaala seena qabeetti taatee Laaliibalaatti kabajuuf qophii jalqabuun isaa ibsamee jira.

Humnootiin TPLF bu’uraalee misoomaa naannoo sanatti argaman barbadeessuun isaanii kan ibsan itti gaaftamaan waajiira waajiira Turizmii bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Xaahiir Mohammed, mootummaan, abbootiin qabeenyaa fi kanneen dhimmi kun isaan ilaallatu hawaasa naannoo jalaa waan hir’ate guutuun ayaana kana haala toleen kabajuuf deggersa isaa haa gumaachu jechuun waamiicha dhiyeessan.

Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti godiinni Walloo kaabaa fi Kibbaa, waag Hamraa fi kanneen biroon to’annaa TPLF jala baatileef kan turan yoo ta’u , Turizmii irratti dhiibbaa geesisuu isaanii dubbatanii.

Walloo kaabaa keessatti kan Yuneeskoon galmeeffamee fi magaala Laalibalaa keessa kan jiru waldaan Kriystaanaa Hagayya tokkoo qabee to’annaa humnootii Hiwahaat jala eega turee booda humnootiin mootummaa deebisanii to’achuu isaanii Masfin Arraagee gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG