Xurree ittiin seenan

Breaking News

Labsii Dhukaasa Dhaabuu Mootummaa fi Haala Tigraayi


Faayilii - Taankii cabaa naannoo Humaraa, Bitootessa 3, 2021

Mootummaan itiyoophiyaa wal waransa Tigraay keesaa jiruu ilalchisee labisii dhukaasa dhaabuu gar tokkee baaseera. Labsii kana hordofuudhaan gareen hidhatootaa Adda bilisa baasaa ummata tigiraay Yemmuu magaale maqalee seenu jiraattoii simannaa tasisafii jiran.

Erga lolii jalaqabamee ji’ootan 8 booda labsiin mootumaan wixata kaleessaa karaa midiyaa dabarse kan battalaan ojii irra ooludha.

Gaazexeessaan VOA maqalee irraa akka jedhetti guyyaa dilbataa irraa jalqabee loltoonii mootumaa Itiyoophiya magaala maqalee keessa hin ture.

Addi Bilisa Baasaan Umata Tigray magaala maqalee seenuu isaa karaa tamsaasa radiyoo isaatiin beekiseeraa. Akka gabaasonnii naannoo sana iraa bahan himaniti jiraattonii magaala maqalee karaa irrati bahuudhaan loltootaa garee Adda Bilisa Baasaa Tigiraayf simannaa gochgaa turan.

Dubbi himaan dhaabichaa Geetachoo Raddaa magaalli maqalee too’annoo garee isaanii jala galuu ishee wixata galgala bilbilaan akka itti himan maddi oduu Rooyiters gabaseeraa.

Dubbihimtoonii muummee ministeeraa fi waraanaa Itiyoophiyaa akka deebii hin kenine Rooyiters himeera.

Addi Bbilisa Baasa Ummata Tigray Torban darbee kaasee lola bal’a banuu isaa fi magaala maqaleeti akka dhihaachaa turan haanga’ootaa mootumaa yeroo naannoo Tigiraay caqasuudhaan dhabanii oduu AFP gabaaseera.

Labisii dhukaasa dhaabuu ilaalchisee mootummaa Eertiraa irraa wantii dhagaamee fi waraanii Eertiraa naannoo tigiraay gad lakkisee bahuuf dhiisuu isaa wanttii ifatti beekamu hin jiru.

Waranii Eertiraa badiinsaa inii geesiseef jiraattota Tigiraayiin balaaleffamaa ture.

Gabaasonii madda oduu biroon akka jedhaniti waraanii Eertiraa Tigraay keesaa bahuudhaan Zaala Anbesaadhaa fi Badimmee iraa qubatee jira.

Karaa biraatiin gabaasini midiyaalee kun akka dubatanitii Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigiraay labsii dhukaasa dhaabuu mootumaan baasee akka hin fudhane himeera. Akka gabaasinii CNN fi saba himaaleen degertootaa TPLF jedhanitii Addi Bilisabaasaa Ummata Tigray magaala maqalee kan deebisee qabate waraanaa mootumaa feederaalaa moo’udhan.

Kanumaan wal qabatee maatiwan barattootaa Universitoota Tigraay keessa jiraanii wa’een ijoollee isaan yaaddesuu isaa VOAti dubbataniiru. Yeroo ammaa tajaajillii bilbilaa Tigiraayy keesa waan hin jirref maatiin ijoollee isanii wajji wal qunamuu hin dandeenye.

Kun ittuu Kanaan jiruu Ministeera dhimma alaa yunaayitid isteets dhimaa afrikaa irrati baka bu’aa gargaaraa ministeeraa kan ta’n Robert Godec Labsiin dhukaasaa dhaabuu Mootummaan Itiyoophiyaa baase fooya’iiinsa agarsiisuu baatee haalii duraanii yoo itti fufaa deemee Mootummoota Itiyoophiyaa fi Eertiraa irratii tarkaanfiin biroo akka fudhatamu godha jechuudhaan toora tiwutera isaanii irratii beekisaniiru.

Mana maree bakka bu’ootaa yunaayitid isteete ti koreen dhimaa alaa waa’ee Itiyoophiyaa ilaalchisee marii taasisuuf akka deemu Roobert Godec himaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG