Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lafa Biyya Abaa keenyaa Gadhiisaa


Baqattonni Oromoo kanneen mooraa baqattootaa Al-Karaz kan Yemen keessa waggoota 14 caalaaf jiraataa turan, yeroo ammaa sodaa nageenyaa guddaa keessa jiraachuun isaanii beekamee jira. Moraa kana keessa hedduminaan kan jiraatan baqattoota Somaliyaa yoo ta’an kanneen hafan Oromoo dha.

Baqatoonni kun akka jedhanitti, hidhattoota naannootu baqattoota Oromoo addatti baasuun gadhisaa deemaa jechuun bellamaa guyyaa kenne.

Dhimma baqatoota kanaa harkaa kan qabu waajiiri UNHCR sana’aa irra deebii kenneen, haalli kun muddee 19 bara 2010 kaasee mudachuu isaa amanuun, dhimma kana kan nageenya guutuu biyyaa eegsisuuf itti gaafatamni irra jiru mootummaa Yemeenti gabaasnee jirra jedha.

Akka hubannaa waajiira keenyaatti jedha UNHCR Sana’aa haga ammaatti, mooraa sana keessattis ta’e alatti jeeqamni ka’e hin jiru.Kana malees, mooraa Al Karaz keessas ta’e naannoo isaa gareen hidhate tokko iyyuu hin jiru jedheera.

Gaaffii fi Deebii guutuu MP3 tuquun dhaggeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG