Xurree ittiin seenan

Breaking News

Laga Abbayyaa irratti Falmii Uumameen Galii Sharafa Alaa Dhabaa Jirra, jedhu Muumichi-ministaraa Melles


Laga Abbayyaa waliin qoddachuuf furmaatni karaa nagaa mari'achuu dha jechuun Itiyoophiyaan Masrii fi Sudaaniif yaada dhiyessite jirti. Ittisi kuusa bishaa Abbayaa kan Itiyoophiyaan ijaaruuf karoorfatte kun akka hin milkoofne gochuuf Masriin yaalaa jirtii, ka jettu Itiyoophiyaan "Mariif karaan banaa taanaan Laga Abbayaa fi kuufama sanatti hundinuu Abbummaan itti gargaramuu danda'a" jetti.

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Mallas Zenaawwii naannoo daangaa suudaanitti ittiisa humna elektrikaa meegaa waatii 5200 maddisuu kana ijaaruu kana deggeruuf irraa biyyoota boodatti deebi'an qeeqanii, Itiyoophiyaan qabeenyaadhuma ofii qusattee akka ijaarsicha milkeessuu dandeessu dubbatu.

Eega Prezidaantiin Masrii, Hosnii Mubaarek taayitaa irraa buufamanii booda Mootummaan biyyattii ijaaramuuf deemu karaa nagaa akka Itiyoophiyaa waliin mari'atu abdii qaban ibsanii, kun taanaan akka abbummaa ittisichaa waliin qooddachuu danda'an illee eeran.

Ijaarsii ittisaa kun humna eleektrikaa gara biyya alaatti erguun kan akkaan barbaachisaa ta'e sharafa maallqa alaa argamsiisuu gargaara jedhu Obbo Malls.Akka jecha isaaniitti mormiin dhiyaate madda galii keenyaa dhabaa jirras jedhu.

MP3 tuquun gabaasaa guutuu dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG