Sanbata xiqqaa darbe kanatti Bidiruun namoota 26 feetee Laga Takazee gama naannoo Amhaaraa godina Waag himiraa aanaa Zuqqaalaa keessatti bishaaniin liqimfamuun yoo xiqqaate namoonni lama du’anii reeffi isaanii kan argame yommuu ta’u , kanneen 14 ta’animmoo luubbuun baafamanii gara hospitaala naannootti geeffamanii yaala argachaa jiru. Namoonni kudhanimmoo ammayyuu eessa buuteen isaanii hin argamaniin jiru barbaachi itti fufee jiraachuu dubbii himaan Godina Waag himiraa Kaffaaleew Debesh sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Namoonni 26 balaan kun irra dhaqqabe kunneen Aanaa Saahilaa Saayiimti irraa gara aanaa Zuqaalaatti sagantaa cidhaa irratti hirmaachuuf kan imalaa turanidhas jedhameera.
Bakki balaan kun itti dhaqqabe yeroo ammaa sababaa hidhattoota Faannoo fi mootummaa gidduutti wal waraansi jiruuf , akkasumas yommuu waraana Kaaba Itiyoophiyaa keessa turetti bakkoota waraanni naannoo Ollaa Tigiraay waliin taasifamaa ture keessaa ta’uun miidiyaan bakka sanatti argamee gabaasuun ulfaataa taasiiseera.
Forum