Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lakkoobsi Loltoota Ijoollee Somaliyaa keessaa Hedduummaate


Jarmayaan gargaarsa daa’immanii kan Tokkummaa Mootummaa akka tilmaametti ijoollee xiqqoo hanga umurii 10 ta’antu lola keessatti hirmaatu.

Unicef Somaliatti hooggantuun garee eegumsa ijoollee Isabella Castrogiovanni akka jedhanitti garee al shabaabtu ijoollota kana irra hedduu loltummaaf fo’ata.

Castrogiovanni akka jedhanitti kan mootummaa ce’umsaa jedhamuun beekamu motoummaan Somalias dargaggootatti fayyadama. Sababiin isaas jedhan Castrogiovanii-n mootummaan ce’umsichaa caasaa ittiin umurii loltummaaf ta’u ittiin filatu waan hin qabaanneefi.

Al Shabaab yeroo hedduu tuuta oduuf ibsa hin kennu. Gabaasi dhuunfaa kan yeroo hedduu gareen kun ijoolleel loltummaaf filata jedhu ni gabaasama.

Kenyaatti ambaasaddora Somalia kan ta’an Mohamed Ali Nur VOAf ibsa kennaniin mootummaan Somalia ijoollee loltummaaf akka itti hin fayyadamne kan ugguru imaammata cimaa qaba jedhan.

Mootummaan ce’umsaa biyyattii sabatiinsa buusuuf jecha adeemsa sadarkaa addunyaan kan hundeeffame waggoota muraasa dura.

Somaliaatti gurmuun gamtaa Afriikaa AMISOM biyyattii keessatti tasgabbii fiduuf akkasumas mootummaa biyyattii haleellaa al-shabab irraa dhorkuu gargaaruuf jecha loltoota gumaachee jira.

Dubbi himaan AMISOM Major Barigye Bahoku VOAf ibsa kennaniin loltoota irra hedduu kan waraanni isaanii arge madrasaa keessaa lolaaf dirqisiisamanii al-shabaabiin kanneen ukkaamsamanii butamani.

Maatiin waa’ee ijoollee isaanii gaafatan ykn baraaruuf yaalan ni ajjeefamu jedhan. Major Bahoukun akka jedhanitti baatii baatii dhaan yoo xiqqate ijoollee sadii ta’antu AMISOM-itti harka kennatu. Shaakala suukaneessaa keessa darban dubbatu ijoollonni kun jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG